Weerarri Hoomaa Awwaanisaa Godina Booranaatti miidhaa Qaqqabsiise.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Godina Booranaa Aanaa Taltallee Gandoota Aanichaa 5 keessatti hoomaan Awwaanisaa muldhachuun, lafa heektaara dhibba 4 irratti miidhaa dhaqqabsuun oomisha dhufuuf sodaa ta’uunsaa ragaan naannicha irraa argame ni mul’isa.  

Hoomaan Awwaannisaa kun Aanaa Taltallee Gandoota Aanichaa kanneen Makkanniisa, Gandhiile, El-kunee, Wandoo Digree irratti mul’achuun, baala mukaafi yeroo midhaan qonna gannaa facaafaman biqilanitti sodaa ta’uu isaa ibsamee jira.

Hanga ammaatti weerarri awwaanisaa kun lafa heektaara 400 kan uwwise yoo ta’u, balaa kana qolachuuf lafa heektaara 30 irratti qorichi kan biifame ta’uu, Hogganaan Waajjira Qonnaa Aanaa Taltallee Obbo Biraanee Amaaree ibsanii jiru.

Miidhaa hawwaannisaan dhufu hirdhisuuf tarkaanfii barbaachisu yeroofi saffisa barbaadameen fudhatamaa kan hin jirre ta’uunis baramee jira.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of oromia11

oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu