UNICEF Godina Booranaatti deeggarsa maallaqaa gochuu isaa ibse.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Dhaabbanni deeggarsa daa’immanii UNICEF hongeedhaan walqabatee Naannoo Oromiyaa Godina Booranaatti dubartoota ulfaafi kanneen hoosisan irratti xiyyeeffachuun gargaarsa namooma bifa mallaqaatiin kennuu eegaluu hime. Gargaasichi bifa mallaqaatiin kennuu yeroo jalqabaatiif eegaluu kan ibse Dhaabbatichi hongeen kun kibba itiyoophiyaatti gaaga’ama gudda qaqqabsiise jedha.



Ibsi dhabbatichaa Godina Booranaa Aanaa Dubluqiitti sanyiin midhaanii badeera, beelladoonni beel’aniiru roobni dhabamuun maatiiwwan kumoota hedduun lakkawaman gaaga’ama guddaa keessa akka seenan taasiseera jedhe.

Haadha ijoollee shanii Aaddee Bokkuu Boruu Gurraachaa dhaabbatichaaf akka himtetti sababa hongee kanaan beelladoota qaban hundaa gurgurachuufi erga yeroo sanaatii waantoota jireenyaaf isaan barbaachisu guutachuuf hedduu rakkachuu himte. Itti dabaluunis guyyaa tokko tokko waanumaa nyaatanuu akka dhabduufi guyyaa roobni roobu Waaqa qofatuu beeka jechuun yaaddoo keessa jiraachuu ibsite.

Dhaabbatichi gargaarsa kana biiroo dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Oromiyaa Wajjiin ta’uudhaan kennaa akka jiru ibse. Akka ibsa kanaatti raabsi gargaarsa maallaqaa kun yeroo jalqabaatiif baatii Bitoteessaa irraa eegaluun  Godina Booranaa Aanaa Dubluqiitti dubartoota 180 Walitti qabuun tokkoon tookkoo isaaniitif Birrii Itiyoophiiya kuma sadi sadi laatamuufi ibse.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu