Kutaa bulchiinsa Minisootaatti qorri hamaan guyyoota muraasa dabraniif gadi bu’ee jiru,qorra hamaa miidhaa nama irraan gahuu danda’u. Sababa kanaaf jecha kutaan bulchiinsa magaalaa Miniyaappoolis malootaa fi iddoowwan qorra hamaa kana jalaa namoonni mana dhabeeyyii tahan ittiin dandamatanii fi jala dabraniin ifa godhee jira.
Yeroo Qorra Hamaatti Akkamiin Oowwifachuun Yookiin Miidhaa Jalaa Of baraaruun Danda’ama?
Yeroo qorra hamaa yookiin diilallaatti malli nagaha ittiin bahuun danda’amuun, iddoo oowwi jiru barbaadanii deemuudha.namoonni mana dhabeeyyii tahan hedduun yeroo birootti iddoowwan gara garaatti argamuun dhoorkaa ta’us, yeroo qabbana hamaa kanatti garuu iddoowwan buufata oowwifannaa magaalaa Miniyaappoolisii fi magaalota lakkuu deemuudhaan fayyadamuun ni danda’ama.dabalataanis dhaabbilee akka Salvation Army fi kanniin birootis deemanii oowwa argachuun ni danda’ama.
Yeroo Teempireechariin 0 Gadi Ta’utti:-
- Iddoowwan oowwi jirutti dhihaadhaatii taa’aa. Gara alaatti deemuu hirdhisaa.
- Uffata fufurdaa qorra nama irraa dhoowwu uffadhaa.
- Uffataa fi kophee keessan jiidha irraa eeggadhaa.
- Maatii, Hiriyoota,olla fi namoota manguddoo kophaa isaanii jiraatan yookiin gargaarsa barbaadan quba qabaadhaa.
- Mallattoolee dhibee qorra hamaan namatti dhufanii addaab baafachuudhaan of eeggannoo godhaa.
- Meeshaalee yeroo qabbana hamaatti lubbuu of baraaruuf fayyadu,konkolaataa keessan keessa kaayadhaa.
- Gorsoota of eeggannoowwan yeroo qabbanaatti godhamuu baldhinaan dubbisaa.
Minisootaa Keessatti Seera Hoo’I Isin Irraa Cufamuu Ittisu Akka Jiru Beektuu?
Seerri Yeroo Qabbana Hamaa Minisootaa Maal Jedha?
Seerri yeroo qabbana hamaa Minisootaa “yeroo qabbana hamaatti oowwi mana keessanii isin irraa cufamuu hin qabu,humna kaffaltii biilii keessan ittiin kafaltan yoo dhabdanis jechuudha. Seerri kun immoo hanga hanga Ebla(April) 30tti kan turu ta’a.
Yeroo Qabbana Hamaa Mana Jireenyaa Keessan Akkamitti Akka Qopheessitan Beektuu?
Isinii fi maatiin keessan kan isin jaalattan, mana jireenyaa keessan keessa yeroo qabbana hamaatti nagahaan jiraachuudhaaf,qophiin gahaan godhamuun barbaachisaadha. Yeroo qophii gootanitti immoo tartiibota armaan gadii kanniin hordofuun barbaachisaadha.
- Wantoota haala salphaadhaan gubachuu danda’an iddoo oowwi jiru irraa yoo xiqaate faana sadih fageessuu.
- Meeshaa bakka teenyetti oowwaaf itti fayyadamnu (space heater) yeroo manaa baanu dhaamsinee bahuu.
- Oovanii nyaata itti bilcheeffannu akka mana nuuf oowwisuuf bannee dhiisuu dhabuu dhabuu.
- Iddoowwan ibiddaa fi oowwi mana keessaa ittiin bahuun,waggatti al tokko ogeessaan ilaalchisuu.
- Meeshaan aaraa fi ibidda mana keessanii adda baasuun iyyu kan hojjatu ta’uu mirkaneeffadhaa.
Hoo’i Xiqqaan Mana Kiraatiif Barbaachisu Meeqa?
Jiraattota magaalaa Miniyaappoolis keessa mana kireeffatanii jiraataniif hoo’i barbaachisaa fi nagaha ta’e dirqama.innis 68°F dha.Nama mana kireeffatee jiraatu taatee yoo oo’i mana keetii dalagaa hin jiraannee:-
- Abbaa qabeenyaa yookiin bulchiinsa mana kiraa sanitti daddafaatii beeksisaa.
- Abbaan qabeenyaa yookiin bulchiinsi mana kiraa sun daddaffiin oowwa isiniif sirreessuu yoo hin dandeenye,311 irratti bilbiluun gabaasaa.
- Sa’aatii hojii lakkoofsa 311 alatti immoo 911 irratti bilbiluun oowwi xiqqaan jiraachuu yookiin oowwi jiraachuu dhabuu gabaasuu ni dandeettan.
Yoo Abbaa Qabeenyaa Yookiin Bulchinsa Mana Kiraa Taatan Hoo Maal Godhuu Qabdan?
- Namoonni mana isin irraa kireeffatanii jiraatan dhimmoota ariifachiisaadhaaf karaa isaan ittiin isin qunnamuu danda’an beekuu isaanii mirkaneeffadhaa.
- Kireeffataan tokko hoo’i mana isaa dalagaa jiraachuu dhabuu isaa yoo sittti gabaaseef, hatattamaan sirreessiif.
- Yoo hoo’i mana sanii daddaffitti sirraahuu hin dandeenyee, meeshaa dhuunfatti mana ittiin oowwifatan kireeffattootaaf kenni.
Yeroo Qonna Hamaatti Konkolaataan Akka Isin Jalaa Hin Hatamne Of Eeggannoon Godhuu Qabdan Maal Fa’a?
Yeroo qabbanti hammaatu, namoonni hedduun konkolaataa isaanii keessa taa’anii oowwisuu hin barbaadan.hedduun isaanii konkolaataa isaanii kaasaanii ka’anii gara manaatti ol deebi’u. kun immoo hattoota konkolaataatiif carraa bana.akka gabaasni konkolaattota hatamanii bara baraan agarsiisutti, konkolaattonni akkanaa yeroo hedduu Saree,Adurree fi daa’immanis osoma keessa jiran konkolaataan hatamuu agarsiisa.
Hubachiisa:-
- Konkolaataa tokko foddaa isaa cabsanii seenuu fi furtuu kaasanii deemuun hedduu salphaadha.
- Konkolaataa keessatti furtuu dhiisanii deemuun dambii magaalaa Miniyaappoolisii faallessuudha.konkolaataan keessan yeroo hatame jedhamee gabaafamutti furtuun keessa jiraannaan, inshuraansii konkolaataatis isin dhabsiisuu danda’a.
- Konkolaataa keessan kaasuudhaaf riimootii fayyadamuun seera qabeessa.garuu furtuu riimootii keessan harkatti qabachuu keessan mirkaneeffadhaa.dabalataanis furtuu konkolaataa keessanii konkolaataa keessa hin kaahatinaa.