Mootummaan Itoophiyaa Lammiilee Isaa Sa`udii Arabiyaa Irraa Gara Biyyaatti Deebisuu Jalqabuu Dubbate.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Guyyaa hardhaa Bitootessa 30,2022tti mootummaan Itoophiyaa lammiilee isaa kanniin mana hidhaa Sa`udii keessatti dararamaa jiran gara biyyaatti deebisuu jalqabuu isaa, Ministeerri Dhimma Alaa Biyyattii dubbatan.

Akka Ministeerri haajaa alaa Itoophiyaa Ambaassaaddar Diinaa Muftii fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti maxxansanitti, guyyaa Roobii hardhaa balallii jalqabaatiin hanga ammaatti lammiileen 498 ta’an gara biyyaatti deebifamanii jiru.lamiileen kunniin yeroo gara biyyatti deebi`anitti Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti qondaaltota olaanoo mootummaa biyyattiitiin simatamaniiru.

Koreen Biyyoolessaa Lammiilee mana hidhaa Sa’uudii keessatti dararamaa jiran gara biyyaatti deebisanii dandamachiisuudhaan daandii qabsiisuuf kaayyeffatee hundaa’e, Kanaan dura hojiin lammiilee kanniin gara biyyaatti deebisuu guyyaa hardhaa akka eegalu beeksisee ture. koreen miseensota 16 of keessaa qabu kun, dhimmuma kana irratti wixata dabre marii gaggeessuun isa ani yaadatama.

Ambaasaaddar Diinaa Muftii gabaasa isaanii keessatti “baqattootni Itoophiyaa Sa’uudii Arabiyaa keessa jiran 100,000 ol kanniin ta`an ji’oota 7 hanga 11 keessatti deebisanii xumuruuf karoora akka qabanis dubbatanii jiru.

Ambaasaaddar Diinaa Muftii gabaasa isaanii keessatti “baqattootni Itoophiyaa Sa’uudii Arabiyaa keessa jiran 100,000 ol kanniin ta`an ji’oota 7 hanga 11 keessatti deebisanii xumuruuf karoora akka qabanis dubbatanii jiru.”

Ji’a Amajjii dabre keessa jilli Ministira Maallaqa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shideetiin durfamu gara Sa’uudii Arabiyaa imaluudhaan, haala qabiinsa baqattoota lammiilee Itoophiyaa irratti qondaaltota olaanoo mootummaa Sa’uudii waliin mari’achuu dhabuun isaanii komii kaasaas ture.

SA`UDIIN LAMMIILEE ITOOPHIYAA MAAF HIITEE DARARTI?

Biyyi qabeenya boba`aa uumamaatiin badhaate Sa`udii Arabiyaan,lammiilee Itoophiyaa kuma dhibboota hedduutii ol keessummeessuudhaan beekkamti.

Haa ta`u malee yeroo dhihoo as lammiileen Itoophiyaa jiruu isaanii fooyyessanii jireenya gaarii jiraachuudhaaf jecha karaa seeraan alaatiin gara Sa`udiitti imaluu heddummeessanii turan.

Lammiileen kunniin imala jiruu fi du`aa jidduu dheeraa erga taasisanii Sa`udii gahanii booda, sababa hayyama Jireenyaa dhabuu isaaniitiin dararaa hamaaf saaxilamanii, jireenya adurree fi hantuutaa jiraatan. Kana bira dabree immoo guyyaa qaamota seeraa Sa`udiitiin qabaman immoo gara mana hidhaa ilma namaatiif hin tolletti darbaman.

Mootummaan Sa`udii Lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa keessatti argaman kanniin dararaa hamaaf saaxiluu fi hammeenya dhalli namaa fakkaataa isaa irraan gahuu hin qabne hunda isaan irraan gahaa ture.

Lammiileen mana hidhaa Sa`udii kana keessatti argaman yeroo dheeraadhaaf dararamaa kan jiran yoo ta`u, sababa dararaan hamaan isaan irra gahaa tureef jecha gariin isaanii maraatanii, gariin isaanii dhukkuba daddarbadhaan du`anii, gariin isaanii lafee foon hin qabne ta`anii jiru.

Xumura irrattis qabsoo hawaasni biyyattii idil addunyaa irratti argamu taasiseen, lammiileen mana hidhaa kana keessatti dararamaa turan gara biyyatti deebifamuun jalqabamee jira. Hanaga ammaatti balallii al tokko qofa godhameen lammiileen 398 ta`an gara biyya isaaniitti deebi`anii jiru.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu