Marii Nageenyaa Nagaha Dhaluu Dadhabe.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Imimmaan Haadha hiyyeessaa waggoota shanan dabraniif akka galaanaatti jigaa jiru, dhiiga ilmaan hiyyeessaa alaa fi manaan iddoo hundatti haqa malee jigaa jiru, abdii jireenyaa ilmaan Oromoo Lixa Oromiyaatti du`aa jiru, lubbuu dukkana limixii keessa fagaattee qaanqee ifaa arguudhaaf hawwiidhaan eeggataa jirtu,sa`aa fi nama manaa fi lafa isaa harka nageenyaatiin qabachuu dharra`ee ganamaa fi galgala imimmaan dhangalaasu, ummata nagahaan dhalatee nageenyi isaa ilma namaatiin saamamee nageenya hawwaa jiraatuuf, yeroo oduun marii nageenyaa dhagahamu abdii jiraachuudhaa isaan keessatti horee ture. Diraamaan marii nageenyaa kutaa kutaadhaan qoodamaa lubbuu hawaasaa rarraasaa xumuramu ammas kutaan lammaffaa isaatis rarra`ee hafuun isaa himamee jira.

Dachiin Oromiyaa erga imimmaan dhiiga hiyyeessaatiin lola`uu jalqabdee waggoota dhibbaa fi shantama ol dabree jira.kaleessa harka alagaatiin galaafatamaa turus,hardha ilmaanuma haadha takkaatiin haati gubachaa fi kaadhimamtuu du`aa taatee jiraataa jirti. Ibiddi waggoottan shanan dabran Lixa Oromiyaatti qabsiifamee deemaa jiru lubbuu fi lukkuu haadha hiyyeessaa qoraan godhatee bobahaa deemaa jira. sagaleen haawwolee,daa`immanii fi manguddoota haftee biyyaa hundi dhageettii dhabee,nama goda duwwaatti lallabu ta`anii jiran.

Mariin nageenyaa qaamolee lamaan jiddutti godhamaa ture osoo hin milkaa`in xumuramuu isaa ibsa qaamoleen lamaan kophaa kophaa isaanii ta`anii baasan irraa mirkaneeffachuun danda`amee jira.oduu kana jalqaba Gorsaa Dhimma Nageenyaa Biyyaalessaa Ministira Muummee kan ta’an Ambaasaaddar Redwaan Huseeni gama twitter isaaniitiin kan baasan yoo tahu,WBO tis itti aansuudhaan gamuma twitter tiin ibsa isaa baasee jira.

Mootummaan Federaalaa ”lola kutaalee Oromiyaa garii keessatti gaggeefamaa tureen dararaa mudate goolabuu barbaade ture garuu sababa mata jabina qaamni isaan wajjiin mari`ataa jiru mataa jabaateef  waliigaltee malee xumurame jechuun Ambaasaaddar Redwaan dubbata. gama Waraana Bilisummaa Oromootiin immoo marii godhame irratti bulchiinsa Naannoo Oromiyaa irratti jijjiiramni guddaan akka dhufu wixinee qopheessinee turre garuu mootummaan wixinee dhiyaate fudhachuu dide jechuun sababa dhiheessa.Fedhiin mootummaa Itoophiyaa hooggansa WBO ofitti makuu malee rakkoo bu’uuraa nagenyaa fi siyaasa biyyattii furuurraa kan maqeedha jechuun himata.

Ulfa marii dhalachuu dadhabee dukkana garaa keessa maru kana irratti ummanni addunyaa hundi ija babaasaa eegaa ture, mariin marsaa lammaffaa kun namoota hedduu keessatti qilleensa nageenyaa hafarsaa ture, haa ta`u malee erga oduun gaddaa kun dhagahamee as, namni hundinuu akka nama du`a haadhaa itti himanitti gaddaan liqimfamee jira. hedduun namaa sokoo fi sorgoon qabsoo hawaasa oromoo keessaa ammas hiikkamuudhaaf amna dheeraa deemsisuun isaa waan hin oolle jechuun dubbatan, gaafiin guddaan garuu gatiin ummanni oromoo Nageenya buusuuf kaffaluu qabu meeqa? hanga yoomiitti hoo kaffala? kan jedhuudha. san isinumaaf dhiifna. itti aansuun immoo Barruu dhimma kana irratti namoonni tokko tokko barreessan isin biraan geenya.

Gadda Guddaa dha!

Deemsi araaraa fashaluu isaa dhageenye. Baayyee nama gaddisiisa. Sabi ganna shan guutuu gadadoo hamaa keessa ture. Guyyuu ajjeefama. Guyyuu hidhamee dhaanama. Guyyuu qabamee saamama. Booyichii fi iyyi isaa hin dhagayamu. Buqqaatiin, ergaramnii fi madaan isaa hin muldhatu! Mariin Dareesalaamitti gegeeffamaa ture waan duraan bade deebisuu baatullee badii biraa ittisuuf furmaata guddaa ture. Fashaluun isaa sabaaf gadda guddaa dha. Gadadoon keessa turame itti haa fufu jechuu dha!

Amma sabi waa wal-gaafatuu qaba. Mariin abdiin eegamaa ture maaliif fashale? Kana irraa fayyadamaan eenyu? Duraan hoo maaltu obboleeyyan waliin qabsootee mooyatte addaan qoodee wal-nyaachise? Maaltu saba afaan tokko ture afaan-afaan taasise? Maaltu tokkummaa keenya laaffise? Maaltu obboleeyyan ollaatiin wal nu dhabsiise?

Shirri jiraatuu shakkii hin qabu. Garuu abbaan shira kanaa eenyu? Amma waan ifa gale fakkaata. Wayita mariin deemaa turetti dibbee waraanaa tumuun tolaaf hin turre. Waraana ganna shan guutuu hin dhumin gaafa mariin eegalu fixuuf dhaadatuun fayyummaa hin turre. Maricha fashalsuu fi gadadoo sabaa dheeressuun dura murtaayuu yoo san agarre. Gadadoon haadha Hayyeessaa guddoo nama dhukkuba.

Mariin fashale jechaan salphaa fakkaata. Ammoo dubbii laayyoo miti. Warra hiree sabaa nyaatuuf cidha. Warra sabaaf dhukkubsatuuf garuu gadda hadhaayadha! Amma dubbii ilaallatuun gahuu hin oolu! Maaliif gatii baafnee qabsoofne sila? Eessaa kaanee eessa geenye?

Obbo Taayyee Danda`aa Areedoo (Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa)
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu