Manni Murtii Walii Galaa Dhaddacha Ijibbaataa, Abbaan Alangaa Federaalaa Dhimma Jiraachuuf Dhabuu Amaanu’eel Ijjiguu Margaa Qulqulleessee Akka Dhiyeessu Ajaje.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Galmee Kolonnel Gammachuu Ayyaanaa jalatti himatamaa 3ffaa kan ture Amaanu’el Ijjiguu humnoota mootummaan ajjeefamuu manni murtichaa odeessa miiltowwaniif Abukaatoo isaa irraa argate wabefachuun ture, ajajni kun kan kenname.

Koleeneel Gammachuun Guyyaa kaleessaa Mana hidhaa kutaa qorannoo walii galaa federalaa irraa mana murtii walii gala ijibbaatatti dhihaachuu isaa Itti gaafamaa sab-quunnmatii ABO Obboo Lammii Gammachuu irraa odeeffannee jirra.

Manni murtii walii gala dhaddachi ijibbaataa dhimma Koloneel Gammachuu irratti sababa ittiin hidhaa turfamaniif yoo gaafatu poolisiin federaalaa koomishini poolisii Oromiyaa irraa amaanaan itti kennamee fuudhee tursuu irraan kana hafe, himannaa yakkaa tokkollee kan irraa hin qabne  ta’uu dhaddachichaaf eeree jira.

Dhimma kana irratti deebii akka kennuuf manni murtichaa kan gaafate Abbaan Alangaa walii galaas haaluma wal fakkaataan Kolonnel Gammachuu irraa himannaa kan hin qabne ta’uu ibsuudhaan hiikamuu isaanii irraa mormii kan hin qabne ta’uu dhaddachichaaf ibsee jira.

Qondaalonniif miseensonni isaanii yakka tokko malee manneen hidhaa addaa addaa keessatti dararamaa jiru kan jedhan gaafatamaan sab quunnamtii ABO Obboo Lammii Gammachuu.

Qaamonni mootummaa hoggantoota dhaaba isaanii gameeyyii irratti dhiittaa mirga namoomaa geggeessaa jiraachuu irra dabree dhibee daddarbaaf akka saaxilaman gochuun balaa du’aaf kaadhimanii jiru jechuun Oromia11’tti himan

Haaluma wal fakkaatuun Dhimmi ijoon dhaddachaa guyyaa kaleessaa irratti kaafameen Galmee koloneel Gammachuu jalatti himatamaa 3ffaa kan ture dhimmi Amaanu’eel Ijjiguu Margaa tokko yoo ta’uu hima Obboo Lammii Gammachuu, Manni murtii ijibaaataa walii galaa kun Amanu’el Ijjjiguu maalif akka mana murtiitti dhiyaataa hin jirre gaafachuun, lubbuuf jiraachuuf dhiisuun addaan baafamee Abbaan Alangaa deebii gahaa waliin beellama itti aanutti akka mana murtichaaf dhiyeessu ajaja dabrsee jira jedhe.

Amaanuu’el Ijjiguu Margaabara darbe mana hidhaa Federaalaa Qiliinxoo irraa baafamee bakka dhaloota isaa Godina wallaggaa Magaalaa Naqamtee bakka Jaatoo jedhamutti hidhattoota mootummaan kan ajjeefame ta’uun ni yadatama.

Lammii Gammachuu dhimma walii galaa irratti yaada nuuf kenneen Qondaalota ABO mana hidhaa keessatti dhibee daddarbaaf saaxilamanii tajaajiala yaalaa dhorkamuun qarqara afaan du’aa jiran dabalatee, Akkuma walii galatti uummanni Oromoo mirga dimokiraasii qofa utuu hin taane  mirga lubbuun jiraachuus dhabee jira. Kana deebifachuuf, Tokkummaan falmannee irra aanuutu furmaata jedhan.

Xumura irratti Manni Murtii ijibbaataa Walii Galaa, Koomishiniin Poolisii Oromiyaa sababa Kolonnel Gammachuu Ayyaanaa ittiin hidhee kaa’eef qaamaan dhiyaatee akka deebii kennu yoo ajaju, akkasumas  Abbaan Alangaa Federaalaa dhimmi Amaanu’el irratti deebii quubsaa qabatanii akka dhiyaataniif baallamni jijiirraan Kennamee jira.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu