Dambii guyyaa dheengaddaa mootummaan barattoonni Muslimaa Hijaaba uffatanii akka Mana barumsaa hin dhufne, dallaa mana barnootaa keessatti akka hin salaannee fi dallaan ala bahaniis Salaatanii mana barnootaatti akka hin deebine murtii jedhu darbarsuu isaa mormuudhaan hiriirri mormii magaalaa Finfinnee fi Asallaatti gaggeeffamee jira.
Hiriira mormii magaalaa finfinnee naannawa gara garaatti godhame kana irratti barattoonnii fi namoonni argaman tokko tokko hidhamaa jiraachuunis dhagahamee
Hiriira mormii Magaalaa Finfinnee Naannoo Markaatootti kan argamu Masjiida guddaa Anwaar keessatti gaggeeffame kana irratti namoonni dhibboota hedduun lakkaawaman irraa qooda kan fudhatan yoo ta’u, Magaalaa Finfinnee Masjiidota iddoo biroottis hawaasni muslimaa dhaadannoolee gara garaa qabachuudhaan dirretti bahanii mormii isaanii dhageessisanii jiru.
Hirmaattonni Hiriira Mormii kana irratti argaman,dhaadannoowwan gara garaa qabatanii kan argaman yoo ta`u, dhaadannoowwan isaan agarsiisaa turan keessaa, Soomana qabna nun qormaatinaa, Salaataan qoosaan hin jiru,Haqni barattootaaf, Amantiin keenya lubbuu keenya barumsi immoo qaama keenya, Akkuma qurxummiin bishaan malee jiraachuu hin dandeenye nutis salaata malee jiraachuu hin dandeenyu fi tapha siyaasaa keessan achumatti nurraa dhaabaa kanniin jedhan keessatti argamu.
Haaluma wal fakkaatuun Magaalaa Asallaattis hiriirri mormii hawaasa muslimaa gaggeefamuu isaa maddeen naannoo sana jiran irraa baruun danda’amee jira.
Hiriira mormii magaalaa Asallaatti hawaasa muslimaatiin gaggeeffame kana irrattis dhaadannoowwan gara garaa muldhatanii jiru. hawaasni lakkoofsaan hedduu ta`e hiriira mormii kana irratti argamuudhaan quuqama amantii isaatiif qabu agarsiisuudhaan, cunqursaa fi dhiibbaa maqaa Sekkulaarizimiitiin barattoota muslimaa irratti gaggeeffamaa jiru mormanii jiru
Hiriirri mormii kun Magaalota biyyattii gara garaa keessattis akka geggeefamu kan eeggamu yoo ta’u, haala jiruu fi deebii gama mootummaatiin kennamus jala buunee kan isiniif gabaafnu ta’uu asumaan isin beeksifna!