Lixaa Oromiyaa Magaalaawwan Gara Garaa Keessatti Wal Jijjiirraan Dhukaasaa Loltoota Mootummaa Fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduttii Gaggeeffamaa Akka Ture Gabaafame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Jiraataa naannichaa irraa akka odeeffanneetti wal waraansi cimaan magalaawwan lixa Oromiyaatti fi naannoo Gambeellattis WBO fi Addaa Bilisumma Gaambellaa waliin tahuun loltoota Mootummaa irraatti haleellaa rawwaachaa jiraachun ibsameera.

Guyyaa hardha ganama sa’aati 12 irraa kaasee Magaalaa Dambi-doolloo fi Gimbiitti dhuukasni cimaan gaggeeffamaa jiraachuu kan himu jiraataan Oromia11 odeeffate humnootni mootummaa magaloota lamaan eeraman keessa gad dhiisaani bahaa jiraachu ibsan.

 Jiraataan Magaalaa Dambi-doolloo akka jedhetti dhukaasni cimaan gaggeeffama wan jiruuf namoonni mana keessa balbala cufatanii taa’aa jiraachu hime.

Gandoota Magaalattii guutuu keessatti dhukaasni wal fakkaataan gaggeeffamaa jiraachuus kan dubbatu jiraatan maqaan isaa akka hin eeramne gaafate Magaalaa Gimbiittis haalli wal fakkaataan jiraachuu eera. Vidiyoowwan marsaalee hawaasaa irraatti qoodamaa jiranis hidhattootni WBO magaalaawwan lamaan yeroo seenan mirkaneessu.

Gama biraatiin dubbi himaan Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii, hidhattoonni isaanii Magaalota Dambi-Doolloofi Gimbii keessatti humnootii mootummaan wal hadhaa jiraachuu toora miidiyaa hawaasaa Tiwiitaraa isaanii irratti barreessaniiru.

Naannoo Gaambeellaa Magaalaa Gaambellaa keessattis wal waraansi WBO fi ABG waloon tahuun humnoota mootumma Itoophiyaa irraatti tarkaanfi fudhaachaa jiraachu Oromia11 odeefateera.

 Jiraattonni naannichaa Tikvan dubbise akka jedhanitti, gamoowwan mootummaa, dhaabbileen daldalaa, fi hojiiwwan biroo addaan citee jiraattonni mana keessa tursifamaa jiraachuu himan. Itti dabaluudhaan sa’aatii afran walitti aansuun naannoo waajjira bulchaatti dhukaasni cimaan dhaga’amaa ture jedhame.

Piresdaantin naannichaa Umod Ubong waa’ee waljijjiirra dhukaasaa fi haala yeroo magaalattii keessa jiru ilaalchisee ”odeeffannoo hin qabu jechuun deebi kennuun” isaani gabaafameera.

 Odaa Tarbii ergaa fuula Tiwiitara irratti baasaniin, ‘oppereeshiniin waloo’ WBO fi Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa magaalaa Gambeellaa keessatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu