Komishiniin Mirga Namooma Itiyoophiyaa Gaazexeessitoota Hidhaman 16 Akka Gadhiifaman Gaafate.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Angawoonni qaamolee miidiyaa finciltoota cinaa dhaabbachuu isaanii himatuun hidhamuu isaaniif sababa ta’eera jedhan.

qaamni mirga namoomaa Itiyoophiyaa mootummaan muuddama guyyoota darban keessa Magaalaa Guddittii Finfinnee fi naannoo jeequmsa keessa jirtu naannoo Amaaraa keessatti kan hidhaman gaazexeessitootaa fi qaamota miidiyaa 16 akka gadhiifaman gaafate jechuun Aljaazeeran gabaaseera.

Mootummaan Ministira Muummee Abiy Ahimad jeequmsa naannolee keessaa dhabamsiisuuf maqaa jedhuun miidiyaalee sodaachisuu fi mormitoota rakkisuu dabalaa jiraachuu qaamotni pireesii fi dhaabbileen mirga falman himaniiru.

Keessattuu aangawoonni Itiyoophiyaa baatii Sadaasaa keessa waraana biyya keessaa baatii kudha jahaaf oliif ture dhukaasa dhaabuu labsus tibbana Naannoo Amaaraafi Oromiyaatti tarkaanfii hidhaa fi dararaa kana  fudhachaa jiru.

 Angawoonni qaamolee miidiyaa finciltoota cinaa dhaabbachuu isaanii himatuun hidhamuu isaaniif sababa akka ta’eetti himama jira.

Hogganaan Komishinii Mirgaa Namooma Itoophiya Daani’eel Baqqalee lakkoofsi waliigalaa gaazexeessitoota hidhaman amma 16 ta’uu ibsuun hatattamaan akka gadhiifaman gaafataniiru.

“Waa’ee yakka karaa miidiyaa raawwatame jedhame ilaalchisee himannaan kamiyyuu seera miidiyaa haaraa ragga’e kan namoota karaa miidiyaatiin yakka raawwachuu isaaniitiin himataman dhaddacha dura to’annoo jala oolchuu ifatti dhorku cabsuuf sababa hin ta’u,” jechuun ibsa kennaniin dubbataniiru.

Marsaa yeroo dhiyoottin, Tamasgeen  Dassaalenyi kan gaazeexa Fitih fi Yaayeesew Shimallis kan midiiya ‘Ethio Forum’ Kamisa darbe Finfiinnetti hidhamuu isaanii Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksiseera.

Torban darbe aangawoonni Amaaraa gaazexeessitoota miidiyaa Asharaa shan to’annoo jala oolchaniiru.

Guyyuma kanas aangawoonni kun hojjettoota dhaabbata oonilaayinii Ameerikaa keessatti argamu ‘Nisir International Broadcasting’ jedhamu kan biroo afur to’annoo jala oolchaniiru.

Dubbi himaan mootummaa Laggasaa Tulluu ibsa Daani’eel Beqqelee irratti yaada kennuudhaaf gaaffii dhihaateef battalumatti deebii hin kennine.

Garuu mootummaan ibsa torban darbe baaseen miidiyaaleef akeekkachiisa kenne jedhuun ni yaadatama.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu