Itoophiyaatti pirojektoota humna aduu doolaara miiliyoona 300tti tilmaamamun dhaabbata Sa’uudii Arabiyaa ‘ACWA Power’ waliin ta’uun hojjetamuuf karoorfe ture, haa ta’uutii garuu sababa waraana kaaba biyyattiin dhabbatichi hojitti galuu hin dandeenye jedhameera.
Bara 2019 kan eegale ACWAn ijaarsa pirojektoota, naannolee Affaarii fi Somaalee keessatti argaman, bara 2020tti jalqabuu qaba ture.
Tokkoon tokkoon isaanii doolaara miiliyoona 150 kan baasu yoo ta’u, pirojektoonni aduu lamaan Gad fi Decheto, tokkoon tokkoon isaanii humna MW 125 maddisiisuuf karoorfameera.
Dhaabbanni Sa’uudii kun Adoolessa bara 2019 dorgomtoota dursanii dorgoman 12 keessaa caalbaasii erga injifatee booda kan badhaafaman yoo ta’u, boodarra waliigalteen kun boordiin ragga’eera.
Sirna badhaasaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Alii, Samii Bin Jamiil Abdullah, Itoophiyaatti Ambaasaaddara Sa’uudii fi Ministirri Ministeera Maallaqaa Ahimad Shidee irratti hirmaatan ture.
Sirna badhaasa yeroo sanaa irratti, MM Abiy Ahmed, walta’iinsi kun yeroo dheeraaf gatii itti fufiinsa qabuf saba keenyaa fi hawaasa keenyaaf uumuuf biyyattii gargaara guddaa akka ta’e yaada kennaniiru, haa ta’uu malee amma walii galteen kun addaan cituun xumurameera.
Dhaabbatichi ji’a jaha keessatti pirojektoota isaaf faayinaansii argachuun ijaarsa warshaalee hojii jalqabuu qaba ture, ”jedhan Ministeera Maallaqaa keessatti daayreektarri olaanaan obbo Tilaahun Taaddasaa.
Dhaabbanni kun waraana kaaba Itoophiyaa akka sababaatti kaasuun yeroo dheereessaa turuu Obboo Tilaahuun dabalaniiru.
Dhaabbanni Sa’uudii kun dhumarratti hanga haalli Itiyoophiyaa furmaata argatutti pirojektichi akka addaan citu gaafateera.
Pirojektoonni anniisaa sadan biroo, Magaalota Matammaa, Maqallee fi Humaraa keessatti hojjetamaa jiranis sababa waraana kaaba Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffameen addaan citaniiru.
Dabalataanis, dhaabbati UAE, Masdar Abu Daabii Future Energy Company, bara darbe mootummaa waliin waliigaltee mallatteessee pirojektii humna Aduu Ityoophiyaatti maddisiisuu hojiirra oolchuuf, mootummaa itoophiyaa waliin wali galte mallatteessee ture.