Hiriirri deeggarsaa kan gaggeefamu yeroo baay’ee mormiin yoo mootummaa irratti yoo jiraate ta’u xiinxaltoonni himan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ummanni bara bulchiinsa mootumma Abiy Ahmed jijjiramni dhufeeraa, bu’aawwaan hedduu galmaa’aniiru, jechuun deeggaran akkuma jiran, kanneen haalonni itti hammaataniiru jechuun bulchiinsasaanii qeeqanis jiru.

Waggaa torbaffaa kana sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa bulchiinsa mootumma Abiy Ahimadiif tibbana magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti adaamsifamaa ture.

Kaayyoon hirrira deeggarsaa Bitootessa 24 guyyaan MM Abiy Ahimad aangoo qabatanii gaggeefamuu tokkoffaa qabsoo obsa fixachiisaa booda bu’aa argame yaadachuuf yoo ta’u
Inni bira ammoo injifannoo kanaan bu’aan argame maal faa akka ta’eefi qormaatiwwan hedduu jiran keessatti milkaa’ina bulchiinsi kun fideef beekamti kennuu fi tumsa taasisuufi akka ta’e qondaalonni biyyatti dubbatu.

Gama kaanin ammoo hayyoonni fi xiinxaltoonni siyaasa hirirri deeggarsaa kan gaggeeffamuuf yeroo baay’ee mootummaa irratti mormiin yoo jiraatee fi mootummaan qabsoo aarsaa guddan itti kanfalameen gara aangootti dhufe bu’aa irraa eeggamu galmaan gahu yeroo dadhabee, deeggartoota qabaachu isaa muldhisuuf ykn fakkeessuf dirqamaan hiriira baasu danda’a jedhu.

Gama kaanin ammoo hayyoonni fi xiinxaltoonni siyaasa hirirri deeggarsaa kan gaggeeffamuuf yeroo baay’ee mootummaa irratti mormiin yoo jiraatee fi mootummaan qabsoo aarsaa guddan itti kanfalameen gara aangootti dhufe bu’aa irraa eeggamu galmaan gahu yeroo dadhabee, deeggartoota qabaachu isaa muldhisuuf ykn fakkeessuf dirqamaan hiriira baasu danda’a jedhu.

Motummaan nagaafi waligalteen ummata waliin jiraatu dhimma hiriira deeggarsaa waggaa waggaan baasuuf hin qabu kan jedhan xiinxaltoonni , ”mormiin mootummaarra jiraachuu isaa agarsiisa malee deeggarsa miti,” jedhu.

Waggoota torban dabran keessa Babal’inni manneen barnoota Finfinnee, Oromiyaa fi naannolee birootti taasifamu,daa’imman deeggarsa nyaata, meeshalee barnoota fi uffata (Uniform ) akka argatan taasifamuu fi walumaa galatti qulqullinni barnoota akka cimuuf hojiin hojjatame bu’aa argamsiisuu ammo deeggartootni mootummaa Abiy Ahmed eeru.

Kana malees Gama hawaasummaatin Oromoo waggoota hedduuf Finfinneerra dhiibamaa ture, Ayyaana isaa ayyaana Irreecha Finfinnetti akka kabajatu kan deebise bu’aa jijjiramichaa ta’u himuun, Gama oomisha qonnaan, gama fayyaan, gama misooma magaalaa fi kanneen biroon bu’awwaan hedduun argamu himu.

Mormitoonni sirnichaa ammoo Gaafiin bu’uraa gurguddan ture, kanneen akka Demokiraasii fi namni qe’ee isaarra nagaan jiraachu fa’i dhabamu isaa eerun, namootni ajjeefamu, qe’ee isaanirra buqqifamu, Dararan qaamolee mootummaa fi kaanneen birootin raawwata jiraachu fi lubbuun qofaan jiraachuun wabii dhabeera jedhu.

Itoophiyaan rakkoo walxaxaa namoomaa, waraana, wal dhabdee hawaasa gidduutti uumamu, balaa haala qilleensaatiin walqabatee, weerara dhukkubaa, wabii nyaataa dhabuu fi mancaati hawaas-dinagdeetiin wal’aansoo qabaa jirti.

Yeroo ammaa kana namoonni miliyoona 21.4 ,dubartoota miliyoona 16.7 dabalatee: daa’imman, miliyoona 4.5, qaama miidhamtoota miiliyoona 2.1 gargaarsa namoomaa hatattamaan barbaadu.

Dabalataanis daa’imman miliyoona 8 14 (shamarran dhibbeentaa 49) baay’inaan naannoo Amaaraa, Oromiyaa fi Tigraay keessatti barnoota irraa kan hafan yoo ta’u, manneen barnootaa 9,654 ol sababa walitti bu’iinsaan miidhamaniiru.

Qorannoon 2024 gidduutti naannoolee Itoophiyaa keessatti gaggeeffame akka muldhiseetti, hanqinni nyaataa cimaan muudachu ibseera.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu