Hoggantuun Ejeensii Gargaarsaafi Misooma Idil-Addunyaa Ameerikaa ‘USAID’ Ambassaadar Samantaa paawur haala baay’ee ulfaataa keessatti dhaabbanni isaanii hanga danda’ameen gargaarsa dhaqqabsiisuuf tattaafachaa jiraachuu ibsuun qondaalotni Itoophiyaa sadarkaa hundarra jiran gargaarsi namoomaa namoota barbaadan bira akka dhaqqabu haala mijeessau fi rakkoo kana xummura itti godhuu qabu jedhaniru.
Hooggantuun USAID Samaantaa paawur kaleessa ergaa ‘tweeter’ irratti maxxansaniin, “USAID fi dhaabbileen michootaa biroo waliin tahun hanga danda’ame gargaarsa namoomaa namoota barbaachisu dhaqqabsiisuuf yaalaa jirra haalli namooma Kaaba biyyattii jiru hammachaa dhufeera” jechuun ibsuun dubbatan.
Dhaabbanni gargaarsa Ameerika yeroo ammatti biyyoota addunya kamuu caalaa Itoophiyaaf gargaarsa dhiheessa jiraachu kan kaasan Ambassadar Samantaa paawur danqaan daandii fi sochii gargaarsa namoomaa irratti taasifamu dhaabbachuu qaba jedhaniru.
Rakkooleen jiraatan iyyuu, michoonni gargaarsa namoomaa hamma danda’ame deebii gargaarsaa kennuu itti fufaniiru kan jedhan Samantaa paawur wal waraansi waggaa tokko fi walakkaa oliif itti fufiinsaan gaggeeffameen namootni milliona 9 beela hamaa keessa galuun gargaarsa irraatti hinkachuuf dirqamaniiru jedhan.
Naannoowwan akka Affar, Tigraay fi Amaaraatti hanga baatii Hagayyaatti namootni miliyoonni tokko beela hamaaf saxilamuu akka malan dubbataniru.
Ji’oota 3’f walakkaa booda konkoolattonni gargaarsaa naannoo Tigraay akka seenan tahuu kan kaasan hoggantun USAID hanga ammaattis konkolattoni gargaarsaa seenan 190 qofa tahu kaasan. Haa ta’uutii garuu yoo xiqqaate torbaanitti konkolataan gargaarsaa 500 Naannoo Tigray seenuu akka qabuus ibsaniiru.
Gagaa’amni namooma Naannoo Tigraay keessaa akka dhaabbatuu fi gargaarsi uummata barbaachisu akka dhaqqabuuf qondaalonni Mootummaa Itiyoopiyaa sadarka gara garatti argaaman dhaqqabbi gargaarsa namoomaa fi gagaa’ama xumura itti godhuuf haala mijeessu qabu jedheera.
Ameerikaan Ityoophiyaaf deeggarsa namoomaa dabalataa lammiilee Kaaba Ityoophiyaatti sababa waraanaan miidhamaniif oolu doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 13tti siqu taasisuu beeksifte turte.