Jiraattota Godina Addaa Oromoo Walloo akka odeeffannetti Aanaa Baateetti Maqaa waraana Shanee waliin quba wal qabdan jedhuun gandoota torba irraa yoo xirqaate namoota 63 ol-hidhaatti guuranii jiraachuu maddeen Oromia11 addeessanii jiru. Jirattoota nagaa yakka tokko malee hidhatti guuraman keessaa Maanguddoota umriin deemanii fi Daa’imman keessatti kan argaman ta’uu maddeen mirkaneessanii jiru.
WBO sakatta’uuf kanneen milishaa waliin bobba’uuf deemaniif galaan nyaataa qophaa’uuf namuu mataa mataan qarshii dhibba takka dirqamaan buusisaa kan jiran yoo ta’u, kanneen maallaqa hin qabnu jedhan ammoo hidhaatti darbuu fi doorsisni irratti geggeeffamaa jira jedhu jiraattonni.
Qondaaltonni mootummaa Godinaaf Aanaa Guyyoota sadan darban walitti fufufiinsaan Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf jedhame ummata dirqiin bobbasanis duulichatti kan hin milkoofne ta’uu jiraattooni dubbatu.
Akkasumas uummanni hiriira deeggarsaa mootummaa akka ba’uuf jecha dabballoonni Godinaaf Aanaa ummata dirqisiisaa fi dorsisaa akka jiran jirattoonni dabaluun addeessaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun Godinaalee Wallagaa afranittuu gochi wal fakkaataan jiraattota irra gahaa jiraachuu maaddeen keenya bakkichaa nuuf eeraanii jiru.
Akka maddi keenya nuuf ibsetti dabballoonni mootummaa hojjettoota mootumma maraan duula shororkeessa sakatta’uu jedhuun namni tokko osoo hin hafin torbaan tokkoof ganda jiraatan maratti gadi buutanii waranaa mootummaa waliin ta’uun shororkeessaa yeroo tokkotti sakatta’uu qabdu jechuun qajeelfama dabrsan jechuu nuuf himee jira.
Sakatta’iinsa kanaan wal-qabatee namni kamiyyuu meeshaa harkaa qabu galmeessisee fudhatee bahuu akka qabuu fi waan gama nyaatan ammoo namuu nyaata goggogaa baasii isaan qopheeffachuu akka qabu, qajeelfamni kan kenname ta’uu maddeen Oromia11 mirkaneessanii jiru.