Aanaa Yaayyaa Gullallee Bulchiinsa Magaalaa Dalaattii keessatti gafaa Caamsaa 28/2022 Poolisoonni Hunda Addaa Oromiyaa mana nyaataa seenuun hojjattoota mana nyaataa fi namoota achii keessa jiran irratti dhukaasa banuu jiraattonni Oromia11’tti himan.
Jiraattonni ollaa bakka taateen kun itti raawwatee fi Oromia11 dubbise akka jedhanitti waraanni mootummaa kunneen jumlaan dhukaasa namoota irratti ergaa bananiifi reeban booda wantoota achi keessa jiru hundaa saamuu ibsan.
Guyyaan Magaalattii keessatti dhukaasani baname kun guyyaa Gabaa waan ta’eef ummanni naannichaa hedduun wal irraa bituu fi walitti gurguraa kan turan yoo ta’u humnoonni mootummaa kun Ummataa daldala irra jiru hundaa wereersaa akka turan ibse.
Itti dabaalunis jiraataan kun gabaan kun torbaanitti guyyaa tokko kan rawwatamuu tahuu eruudhaan haa ta’uu malee hawwaasni Badiiya irraa bittaa fi gurgurtaaf daandii dheeraa deemuun magalicha dhufan waan geeffatanii dhaqan osoo hin gurguuraatin dhukaasa humnoota mootummaa baqachuun akka galan himee jira
Maqaa WBO balleessuu jedhuun guutuu Oromiyaa irratti waraanni labsamee jiraachuu kan yaadachiisan Jiraataan naannichaa dubbisne, naannicha keessa waraana mootummaa malee waraanni biraa kan isaan sababa godhatan tokkolleen kan hin jirre ta’uu fi samiicha baratame rawwachuuf jacha gochaa kana akka rawwataan ibsee jira.
Gama biraatiin achuma Aanaa Yaayyaa Gullallee Ganda Bachoo jedhamu keessatti qaamoleen Milishaa lama ufii isaanif walitti dhukaasuun kan wal ajjeessan yoo ta’u garuu Poolisiin Humna Addaa Oromiyaa fi Humnoonni Federaalaa naannicha qubsiifaman Milishoota ufii wal ajjeessan san Magalaa keessa fiduun ummata walitti baasanii WBO ajjeefne jechuun ummata sodaachisaa akka turan himee jira
Tateen kun guyyaa dheengaddaa Sanbataa xiqqaa (Caamsaa 28/2022) kan rawwatame yoo ta’u koottaa reeffa Shanee lalaa jechuun ummata uleen tumuun manaa baasaa kan turan ta’uu fi namoota rifaatuu keessa booyan immoo isin Shaneedha sababa jedhuun reebicha cimaa akka irratti rawwatan ibsee jira
Halii nageenya Naannicha keessa jiru akka malee boora’eera kan jedhu namni kun hariiroo walitti dhufeenya jiraattota baadiyaa fi magaalaa addaan kutanii jiraachuus addeesse jira.