Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat Ganda Qaawa Haraa Meerqasaa, Magaalaa Boolee keessatti waraanni Mootummaan Naannichatti bobbaase guyyoota sadiif walitti aansuun ummata nagayaa irratti waraana banee kan ture yoo ta’u, waraana qamoolee mootummaan ummata nagayaa irratti baname kanaan namoonni nagaa saddeet ajjeefamuu jiraataan Oromia11 dubbise ibse.
Lolli mootummaa biyyaattiitiin Oromoo irratti baname kun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu fi sakatta’uu jedhuun kan jalqabame ta’uus garuu amma namoota nagayaa fi lammiilee rakkinaa fayyaa sammuu qaban 4 dabalatee badii tokko malee dhukaasa itti banuun lubbuu lammiilee nagayaa 8 akka galaafatan barame.
Guyyaa dheengadaa gafaa Ebla 20/2022 Magalaa Boolee naannawa Nuura heeraa jedhamu keessatti waraanni mootummaa meeshaalee waraanaa gurguddaa hidhate magaalicha akkuma seeneen gaaffii malee namoota nagayaa shan bakkaa tokkottii ajjeesuu maddeen Oromia11 addeessan
Itti dabaluunis namoonni sadi kanneen guyyaa wal fakkaataatti humnoota kanneeniin ajjeefaman namoota sababa hojiif naannawa Arbaa Guugguu irraa dhufanii Magaalaa Boolee keessa jiraatan ta’uu fi sababa tokko malee Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdan jechuun daandii gubbaatti akka ajjeefaman nuuf kaasan maddeen. Namoonni tarkaanfii hammeenya humnoota mootummaatiin adeemsa seeraafi gaafii tokko malee ajjeefaman kunniin:
1. Jaamboo Katamaa/Maraataa Kaaliqaa jedhamuun beekamu.
2. Badhaasoo/maqaa abbaa hin barre.
3. Jimmaa _ jedhamuun kan beekamu
4. Abbaa Ahmee – kanneen jedhaman namoota dhukkuba sammuutiin Magaalaa Booleetti beekaman yoo ta’an
5. Kadiir Huseen
6. Anwar Kadiir Galatii
7. Huseen/maqaa abbaasaa hin barre.
8 ffaan hojjataa guyyaa maqaansaa hin beekamne ta’uu maddeen kun eeranii jiru.
Walumaa galatti namoonni guyyaa dhengaaddaa Aanaa Boosat keessatti ajjeefaman 8 tahuu kan himuu jiraatan oromia11 dubbise kun qabeenyi ummata hedduun sababa kanaan barbaadus ibsee jira.
Gochaaleen akkasi kun Magaala Boolee keessa qofaa osoo hin taanee Magaalaa Oolaan-citii, Magaalaa Doonii fi Bofaa keessattis rawwatamaa akka jiruu eruudhaan sakatta’iinsi Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun hawwaasni akka malee miidhamaa jiraachuu himu.
Keessuumatu guyyaa kaleessaas Aanaadhuuma Boosat Ganda Tisaa Battee jedhamu keessatti dabbaloonni Mootummaa Waranni Mootummaa ‘Shanee’ balleessuuf Hiilikooftaraan dhufaa jira jachuun hawaasa nagayaa qa’ee isaanii irraa akka baqatan godhaa turan jedhu
Itti dabaluunis manneen jireenya qotee bultoota hedduu Waraana Abiy Ahmed’tiin gubachaa kan jiru yoo ta’u ummanni lubbuu isaa olfaachuuf naannicha gad dhiisuun rakkoo hamaaf saaxilamuutu ibsame.
Warannii amma deemaa jiru kun kallattii hedduun ummata keenya irratti kan baname yoo tahu mootummaan haala mijjeefachuun meeshaalee waraana guurggudaa hidhachiisuun Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf tattaafachaa akka jiraantu mul’ata jedhe maddi Oromia11 kun.
Keessuumattuu yeroo ammaa sochiin magaalaa Boolee keessaa guutuuttii dhaabbatee jiraachuu fi magaalicha keessa kan sosso’u waraana mootummaa qofaa tahuu fi dandiileen gara Adaamaa geessus guutuumaa guutuuttii dhaabbatee akka jiru ibsan.
Waraanni tasgabbaa’uu baatee miira amma naannoosanatti agarsiisaa jira jedhamuun itti fufnaan ummanni nagaa gidduutti halaakamuuf deema waraanni dallansuu WBO ummatarratti aarii ba’uun sirrii miti kan lubbuu namoota nagaa baasee gaafatamuu qaba jedhan maddeen kunneen.
Guutuu Oromiyaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhuun Mootummaan Abiy Ahmed ummata Oromoo irratti waraana banuun ummata nagayaa ajjeesuu, qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqasuun kan duraanii caalaatti hammaachuu jiraattota wabeefachuun gabaasaa turuun keenya ni yaaddatama.