Jiraattoonni naannichaa akka himanitti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdan jedhuun lammiileen nagayaa itti fufiinsaan qaamolee mootummaan to’annoo jalaa olfaamuun dararamaa jiraachuu fi guyyaa 2 duras namoonni sadi gandicha keessaa too’atamuu himanii jiru.
Bulchaa Araddaa Daammotaa kan ta’e Obboo Riyaadi Abdallaa namni jedhamu hawaasa akka malee rakkisaa jiraachuu eeruudhan namoota sabboonummaa qabanii fi dargaggoota hidhaa akka jiran kan himu maddi keenya kan naannichaa odeeffanne, rebbichaa fi hidhaa qaamolee mootummaa kana dheessuun dargaggoon hedduun barnoota isaanii addaan kutuun gandicha gad dhiisaa jiraachuu isaaniis addeesse.
Namoonni sadeen dheengadda hidhaman: 1. Muktaar Yuusuf, 2. Murteeysaa Mahammad fi 3. Abdulhamiid Abraahim kan jedhaman yoo ta’u namoonni kunneen yakkaa rawwatanii osoo hin tanee dhugaa sabaa isaanif kan dubbatanii fi kaneen quqaaman tahuu isaanii qofaaf Waraana Bilisummaa Oromoo waliih hariiroo qabdu jedhamanii akka yakkamaan ibse maddi keenya kun.
Hawaasni naannichaa Shorarkkaa hamaa keeyssa jira kan ja’u jiraatan Oromia11 dubbise kun Haawwota Maanguddoo fi daa’imman dabalatee jumlaadhaan ilmaan keessantu Shanee keessa jira jechuun rakkoo hamaa irraan geessisaa akka jiraniifi gochi sukanneessaan kun kanaan duraas qaamoolee mootummaatiin hawaasa nagayaa irratti raawatamaa turuu kasuun garuu ji’oottan muraasa as haalaan hammachuu himan.
Aanaa Haromaayaa Araddaa Daammotaa, Xinniqqee, Finqqiillee fi Araddaa Qeeyransaa keessatti sochii Waraana Bilisummaa Oromootu jira ka’uumsa jedhu bu’uurreeffachuun hidhaattoonni mootummaa lammiilee nagayaa uleen reebuu, hidhuu fi qabeenya isaanii irraa saamuun rakkisaa jiraachuun himatan jiraatonni.
Namni odeeffanne akka jedhanitti torbaan lamaaf walitti aansuun dorsisa qaamooleen mootummaa raawwachaa jiran akka malee ulfaataa ta’uufi sababii kanaaf ummanni bahee galuu sodaate hojii idilee isaa dhiisuun ukkaamfamaa akka jiran ibse.
Gochi Sukanneessaan Hidhattoota mootummaan lammiilee nagayaa irratti rawwatamuu kun guutuu oromiyaa keessatti waggootaf adeemsifamaa turuus ji’ootan asitti Ajjeechaan gara-jabummaa hidhaan yakkaan malee oromoota nagayaa irratti cimaa akka dhufe irra deddeebiin gabaasaa turuun keenhya ni yaadatama.