Godina Arsii Aanaa Hexoosaa Fi Godina Arsii Lixaa Heeban Arsiitti Waraana Bilisummaa Oromoo Nyaachiftan Jechuun Humnoonni Mootummaa Ummata Juumlaan Hidhaa Jiraachuu Jiraattonni Oromia11’tti Himan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Hidhaa namoota nagaa irratti geggeeffamaa jiru dabalatee, manneen jiraattotaa hedduu, midhaaniif qabeenya manaas humnoonni mootummaa ibiddaan barbadeessaa jiraachuu jiraattoonni himatu.

Aanaa Heeban Arsii irraa Jiraataan sodaa nageenyaaf maqaan isaa akka hin eeramne nu gaafatan tokko irraa akka odeeffannetti, maatii isaa keessaa namoonni 7 ol yakka tokko malee hidhamuuf, manni jireenyaa 4  midhaanii fi qabeenya manaa guutuu waliin guutummaa guutuutti ibidda hidhattoonni mootumma itti qabsiisaniin barbadaa’ee jiraachuu nuuf himee jira.

Waraanni mootummaa nannichatti bobbaafame qonnaan bultoota yakka takka hin qabne Waraana Biilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun yakka suukanneessaa ummata irratti gaggeessa jiraachuu hima.

Keessumattuu taateen maatii isaa irra gahe kanaan qaamaaf qalbiin akka malee  miidhama hamaa irra jiraachuu kan nutti hime maddi odeessa kanaa, manaaf qabeenyi umrii guutuu horatan halkan tokkotti yakka cubbuun irraatti geggeeffameen nujalaa manca’ee jira jedha.

Maatii isaa keessaa kanneen waraana mootummaan qabaman waajjira poolisii Aanaa Heebanitti gaaffii fi murtii takka malee, akkasumaan hidhamanii kan jiran yoo ta’uu, haawwan ammoo daa’imman waliin bakka qubannaa dhaban aduuf fi qorraan dirree gubbaatti hiraarfamaa jiraachuu nuuf himee jira.

Haaluma wal fakkaatuun Aanaa Heexoosaattis duulli ummata nagaa maqaa WBO deeggartan jedhuun geeggeeffamu hammaachaa jiraachuu odeessa maatii miidhamtootaa irraa nu gaheen mirkaneeffannee jirra.

Jiraattuun Aanaa Heeban Magaalaa Itayyaa irraa odeeffanne akka himtutti, hidhaan yeroo dhiyoon asitti ummata nagaa irra gahaa jiru akkaan hammaachuuf, abbaan warraa isii badii tokko malee hidhamee himannaa seeraaf gaaffii tokko malee hiraarfamaa jiraachuu dubbatti.

Jiraattuun odeeffanne kun akka jettuutti abbaan warraa isii hojii isaa qonnaa idileetiin ilmaan isaa guddifatuun alatti hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaayyuu kan hin qabne ta’uu ibsuudhaan, badii malee akkasumaan hidhanii daraaraa jiraachuu dubbatti.

Sababaa abbaan warraa hidhamuutiin ilmaan torba waliin rakkoo ulfataa irraatti kufuun yaaddoo hamaaf kan saaxilamtee jirtu ta’uu nuuf himtee jirti.

Walumaa gala Godinaalee Arsii Aanalee adda addaa keessatti jirattonni maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin jirtan jechuun hidhamaan heddummaachaa jiraachuu fi miidhaan qaamaaf mancaatiin qabeenya uummataa irra gahaa jirus guyyaa irraa akkan hammaachuu maddeen Oromia11 gamasii nuuf eeranii jiru.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu