Akka jiraatan Aanaa Baatee irraa Oromiyaa11 odeeffate jedhetti Humnoota Federaalaa, Poolisii Addaa Naannoo Amaaraa hanga milishaa Gandaatti walta’uudhaan hidhaafi roorrisa adda addaa ummata irratti raawwataa jiru.
Guyyaa lama dura (Caamsaa 29,2022) haalli guutuu godinichaa akkaan yaaddessaa ta’uu kaasuun keessattuu Aanaa Baatee Gandoota Akka Gurree Sallaatteefi Jaldeettii keessatti humni Milishaa, Humni Addaa Poolisii Amaaraa fi Raayyaa ittisaa Biyyaa namoota qabaa ari’aa Jiraachuu hime.
Guyyaa har’atti immoo jiraatan biroo Oromia11 dubbise Aanaa Baatee Gandeen Warra Waayyuu jedhaman kanneen akka Sallaattee,Jaldeettii, Eela, Mootummaa, Qophaasoo, Ulaan ulaa, Malkaa Galaanaa, Malkaa Luugoofi Urunguu loltoonni baay’innaan bobbaafaman guyyaa sadii asitti dhiraafi dhalaa xiqqaafii guddaa barsiisotaafi qotee bultoota osoo hin jedhin namoota 50 oli guuranii deemuunii hime.
Kana qofa osoo hin ta’in Humnootni Mootummaa walta’iinsaan socho’an kun qabeenya ummataa Re’oota qalachuun nayaachuu, Maallaqa Uummatarraa dirqamaan walitti qabachuu, tajaajila geejjibaa ugguraa doorsisaa hammaataa geessisu himu.
Namootni Akkasumaan walitti guuramanii hidhaman kunniin Waajirra Poolisii Magaalaa Baateetti geessina jedhanii kan turan yemmuu ta’u maatii hin agarsiisaan waan ta’eef dhuguma eessa akka isaan jiranis hin beekkamu jedhu.
Itti dabaluunis namoottan hidhaman kanneen jaarsi, Barsiisaan, Dubartootni hoosisan keessatti argamu waan ta’eef eessa akka geeffaman wallalamuun yaaddoo hamaa keessa galuu himan.
Guyyaa kaleessaa qondaala mootummaa kana dura qabeenya uummataa samuun kallaattiin himati irratti banamee hidhaa ture Bulchaan Aanaa Baatee haaraan waan gadhiiseef namni inni dura qabeenya jalaa saame yemmuu Isa ajjeesu poolisoonniifi Milishoonni immoo Abbaa qabeenyaa san fuula uummataa duratti ajjeesuu illee kaase.
Humnootni Mootummaa kunneen Hawaasni nagaas akka walirratti ka’aniifi jeequmsa kaasanii Siyaasa isaanii gaggeefachuu kan himu jiraataan kun haqa maleessumaa hedduu qaamootni mootummaa kun gaggeessaa jiraachuu komata.
Kana malees meeshaan waraanaa yeroo Lola kaaba biyyattiiti Mootummaan Biyyatti TPLF wajjiin Walwaraanaa turetti awwaalamee ture maatii tokko irratti dhoo’uun namootni 4 battalatti yoo du’an namni tokko immoo Hospilaa Daseetti lubbuun darbuunfii namootni biraa afur immoo madaa’uu hime.
Gabaasa Meeshaan Dhoo’uun lubbuu namootaa galaafachuu kana dhaabbanni Gargaarsa Namoomaa OCHA’n kan gaabase yemmuu ta’u Baay’inna namoota du’anii kanaa gadi akka ture himee ture.
Haalli jiraattootni Gidana Addaa Oromoo Walloo kallattii garaa garaan dhiibbaa hamaa keessa jiraachuu yeroo garaa garaatti Jiraattoota Wabeeffachuun isinii gabaasaa turuun keenya niyaadatama.