Dura Taa’aan Koongiresii Federaalawaa Oromoo pro. Mararaa Gudiinaa, Mootummaan Duula Waraaqsa Bilisummaa Oromoo Balleessuuf Taasisu, Sirnnoota Mootummaa 4’n Kan Hin Milkoofne Ta’uu Himan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Pro. Mararaan Gaaffii deebii Oromia11 waliin taasisaniin Warraaqsi Qabsoo Oromoo daran finiinuun diinota Oromoo keessaaf ala jiran akkaan rifaasisuu himanii jiru.

Qabsoon gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo waggaa 50 ol-lakkoobsise deebii argachuu dhabuun, dhaloota qubee kumaatamaan dirree qabsootti akka bobba’an dirqisiisuu kan himan Pirofeesar Mararaan, Gaafiin mirgi abbaa biyyummaaf walabummaa dhabuun Ummata Oromoo hanga deebii bu’uuraa hin argatiiniitti,humni kamuu qabsoo warraaqsa bilisummaa Oromoo ukkaamsuus tahee duubatti deebisuu hin danda’u jedhan.

Uummanni oromoo roorroon kallattii hedduun daran itti hammaachaa deemuu isaatiin Gaaffii mirgaaf abbaa biyyummaa isaatiif kan yeroo kamuu caalaatti tokkummaan jabaatee falmachaa jiraachuun, mootummaas ta’ee warreen waggaa dhibbaa ol ummata kana irraa nyaachuun mi’eefatan akkaan rifaasisee jira jedhan pr/Mararaan,

Ibsa tibbana Koongiresiin Federaalawa Oromoo KFO’n baasee tureen ajjechaaf dhiittaa mirga namoomaa Oromoof Oromiyaa irratti mootummaan  geggeessaa jiru ilaalchisuun baase, qabiyyeen ibsichaa gartummaa Waraana Bilisummaa Oromoo qabaachuu kan agarsiisuudha jedhamee garee mootummaaf kan naannawaa Amaaraatiin qeeqaa kaasuun ni yaadatama,

Profesor Mararaan qeeqa kana irratti deebii kennaniin KFO’n rakkoo ulfaataa Ummanni Oromoo keessa jiru kanneen biyya keessaa qofaatti himuun kan dhaabbatan osoo taane, inumaa dararaa Uummanni Oromoo keessa jiru afaan addunyaan ittiin rakkoo saba keenyaaf dhageettii laattu irratti hojjechuun, akkaan fardii ta’uu mirkaneessanii jiru.

ilmaan Oromoo keessaaf alaan qabsootti jirtan tokkummaa keenya daran jabeefchuun shira diinni humna qabsoo Oromoo diiguuf ergamtoota isaa bobbaasee hojjechaa jiruun akka hin burjaajjofne jechuun yaadachiisaniiru.

Profesor Mararaan dhimma marii biyyaalessaa irratti gaaffii dhiyaateef deebii kennaniin Mootummaan biyya bulchaa jiru dhimma kanaaf gareewwan ofii ijaarratee umrii   bitachuuf carraqaa akka jiru ibsuudhaan goolama siyaasaa biyyattiin keessa jirtu keessaa ba’uuf tooftaa mootummaan ittiin deemaa jiru kun ulaagaa kamiinuu fudhatama hin qabneedha jedhan.

Pro. Mararaan ergaa isaanii xumuraatiin dhaabni isaanii Koongiresiin Federaalawaa Oromoo qabsoo hirbuu dhiigaaf lafee Oromoo kumaatamaatiin hardha gahe, akkasumas waadaaf amaanaa qabsoo saba isaanii osoo hin sharafin eeganii, mooraa qabsoo Oromoo keessatti gahee isaan irraa eegamu kan ba’atan ta’uu hubachiisaniiru.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu