Marii Awuroppatti gaggeeffama tureen hirmattota irraa gaaffiiwwan jajjaboon kan ka’an yoo tahu Obboo Jawar Mohammadis deebii kennaniru.
Hirmaattonni waltajjiwwan Awuroophaa haala siyaasaa Oromiyaa fi yaada Jawaar Mohaammad irratti gaaffilee qaban ifaan kan gaafatan yoo ta’u, Jawaaris deebii bal’aa kennee jira.
Gaaffii Istookoholmi Siiwididiinitti hirmaattoota irraa dhihaateef biyya demokiraatoftee fi tasgabboofte ijaaruuf sirni Federaalizimii Sabdaneessaa murteessaa ta’uu addeesseera Jawaar Mohaammad.
Kana milkeessuuf immoo nageenyii fi tasgabbiin murteessaa akka ta’e kan hime Jawaar, biyyattii keessatti nagaa waaraa ta’e argamsiisuuf, mariin haqa qabeessi fi hunda hirmaachise taasifamuun akka barbaachisus hubachiisee jira. Haaluma wal fakkatun Mari Norway oslottii gaggeeffamen “Oromoof wantoota bu’uraa sadiitu barbaachisaa kan jedha Jawaar. “Eenyummaa ofii kabajchiifatee biyya isaa keessa bilisummaan jiraachuu, leeccaalloo qabutti mirga guutuun dhimma bahee qabeenya horachuu fi mootummaa isa bulchu ofiin filatee jalatti buluudha” jedhera.
Wantoota bu’uuraa sadan kana mirkaneessuuf, keessumattuu mootummaa ofiin itti amanan sagalee ofiin filachuuf, tarkaanfiin jalqabaa, lola dhaabanii mariitti seenuu akka ta’e ibseeti jira.
Imalla biyyoota Awurooppaa marii guyya kaleessa UK Maanchestaritti gaggeeffamen xumuramee jira. Qondaalli olaanaan KFO Obboo Jawaar Mohaammad tooftaa qabsoo karaa nagaa isaan hordofan ilaalchisuun gaaffilee mana keessaa dhihataaniif deebii kennin,
Wantoota karaa irraa maqan karaatti deebisuun, Itiyoophiyaa suphuu osoo hin taane, egeree Oromoo fi Oromiyaa baraaruudha jechuun, meeshaa fi tooftaan rakkoo kana keessaa nu baasu ammoo marii haqa qabeessa ta’e adeemsisuudha jedhaniru.
Itiyoophiyaa keessa qaamni hidhannoo hiikkachuuf hayyamamaa ta’e tokkollee hin jiru kan jedhu Jawaar, nutis namni hidhatee qabsaa’u kamuu akka hiikkatu osoo hin taane, akkuma Tigraay sana lola dhaabanii, qawwee isaanii waliin dhibdee jirtu mariin akka furatan gaafachaa jirra jedhe.
Imalli biyyoota Awurooppaa keessatti taasifamaa tures xumuraamun torban itti aanu gara Ameerikaa Kaabaatti kan fuulleeffatu tahunis ibsameera.