ARTIST GUUTUU ABARRAA BADHAASA AFRIMA MOO`ATE

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Sirna badhaasa Afrima (All African Music Award) bara kana Daakaar,Senegaalitti gaggeeffame irratti, sirboota bara 2022 keessa bahan keessaa sirbi Artist Guutuu Abarraa kan “Deemi” jedhu, garee sirboota Best African Jazz Group Of the Year” jedhamu jalatti dorgommiif dhihaachuun moo`achuu danda`ee jira.

Artist Guutuun sirba isaa keessatti sagalee kiloolee fi viidiyoo dhaamsa ajaa`ibaa of keessaa qabu hojjachuudhaan kan beekkamu yoo ta`u, sirba “Deemi” jedhu kanas rukuttaa Kamisee fi Wolloo walitti makuun kan sirbee fi viidiyoo isaa ammoo aadaa Karrayyuutiin miidhagsee ture.

Akka Artist Guutuun jedhutti, sirba Kana qindeessuudhaan (Compose) kan hojjatee fi isa gargaare, haadha manaa isaa Aadde Miiraa ti. Aadde Miiraan sirba kana halluu qabsiisuu fi hojjatamee akka hawaasa addunyaatiif dhihaatu godhuu keessatti gahee guddaa qabaachuu isii Artist Guutuun dubbata. dabalataanis sirboota hanga ammaatti hojjate keessatti gaheen ishii olaanaa ta`uus hima.

Namni Artist Guutuun sirba isaa kanaaf galateeffatu kan biraa immoo daarektara sirba kanaa kan ta`e dargaggoo Leencoo Fiqruuti.

ARTIST GUUTUUN WAA`EE BADHAASA AFRIMA MAAL JEDHE?

Artist Guutuun sirbi Jaazii inni sirbee ittiin badhaafame kun wal xaxaa fi ulfaataa ta`uu isaa yoo dubbatu, sirbi ” Deemi” jedhu sirna badhaasaa kana irratti filatamuun isaa sirboota Afaan Oromoo keessaa kan jalqabaa kan isa taasisuu fi akka Itoophiyaatti immoo lammaffaa ta`uu isaa dubbata.dabalataanis sirbi Afaan Oromoo sadarkaa Afrikaatti badhaasa guddaa akka kanaa mo’atee kan hin beekne ta`uu fi inumaayyu kaadhimamee kan hin beekne ta`uu dubbata.

”Nama jalqabaa tahuukoof gammachuun koo daangaa hin qabu, garuu kaayyoonkoo galma gaheera jechuu hin danda’u. Ammayyuu hojii baay’ee hojjechuu waan qabuuf. Kun kan jalqabaati, muuziqaa adunyaa ajaa’ibsuusii danda’u hojjechuu dandeenya,’’ jedhe.

Kilippii Guutuu Sirba Guutuu Abarraa

ARTIST GUUTUU ABARRAA EENYU?

Artist Guutuun maqaan isaa guutuun Guutuu Abarraa Galataa jedhama.dachii Oromiyaa Lixaa kan taate Wallagga Lixaa,Magaalaa Mandiitti dhalatee guddate.umrii isaa ijoollummaatiin gara Ardii Awurooppaa biyya Noorweetti kan baqate yoo ta`u, biyya kana keessas waggoota kudhanii oliif jiraatee jira.

Artist Guutuun yeroo jalqabaatiif gara fuula hawaasa addunyaatti kan bahe sirba isaa “Oromiyaa Bal`oo” jedhu kan waltajjii mootonni biyya Noorweey irratti argaman irratti dhiheesseen ture. sirba kana booda Guutuun hawaasa Oromoo addunyaa biratti beekkamaa dhufe.

Waa`ee Magaalaa Bergen,Noorweey Baruuf Viidiyoo Kana Daawwadhaa.

Magaalaa Bergen,Norway yeroo Halkaniitti Kana Fakkaatti

ARTIST GUUTUUN BULTII IJAARRATEE JIRAA?

Artist Guutuu Abarraa nama bultii ijaarratee qabu yoo ta`u, ji`a Hagayyaa,2022tti dubartii hidda dhaloota Hindii irraa taate Aadde Miiraa Tiruuchelvaam wajjiin karaa aadaa Oromootiin gaa`ela godhatanii bultii ijaarrattanii jiran. Haati manaa Artist Guutuu Aadde Miiraan nama hojii aartii fi muuziqaa kana keessatti isa gargaaruudhaan sadarkaa duraa irratti argamtu ta`uu Guutuun Yeroo hedduu ni dubbata.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

1 thought on “ARTIST GUUTUU ABARRAA BADHAASA AFRIMA MOO`ATE”

Comments are closed.

Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu