Manni Marii Seeneetii Ameerikaa, Abbaa Murtii Prazadaantiin Ameerikaa Joo Baayden Mana Murtii Olaanaa USA`tiif kaadhiman Aadde Ketaanjii Broown Jaakson, guyyaa hardhaa Ebla 7,2022tti filatee raggaasisuun isaa beekkame.
Filannoo seena qabeessa Miseensonni Seeneetii Ameerikaa gaggeessan kana irratti Aadde Ketaanjiin sagalee 53-47 (Democrats-Republic) argachuudhaan kan injifatte yoo ta`u, injifannoo kanaanis seenaa Ameerikaa keessatti dubartii gurraattii yeroo jalqabaatiif Abbaa Murtii Mana Murtii Olaanaa Ameerikaa ta`uudhaan galmooftee jirti.
Paartiin Dimokraatawaa filannoo kana irratti injifannoo gonfate kanatti hedduu kan gammade yoo ta`u, Miseensonni mana maree seeneetii paartii Rippaablikaanii kanniin akka Senetar Suusaan Koolin (Maine),Senetar Miit Roomnii (Utah) fi Senetar Liisaa Murkoowuskii (Alaska) sagalee isaanii kennuudhaan filannoo kana irratti Dimokraatota gargaaranii jiru.
Seenaa Ameerikaa keessatti dubartiin sanyii gurraachaa qabdu mana murtii olaanaa biyyattiitiif kaadhimamtees, filatamtees hin beektu. turtii waggoota 233 booda yeroo jalqabaatiif Abbaa murtii mana murtii olaanaa biyyattiitiif dubartii gurraattii filachuudhaanis Miseensonni seeneetii biyyattii seenaa addaa galmeessanii jiru.
Prazadaant Joo Baayden yeroo filannoo prazadaantummaa USA tiif bara 2020tti fiigaa turetti, filannoo prazadaantummaa yoo moo`ateef,Abbaa murtii gurraacha mana murtii olaanaa biyyattiitiif kan kaadhimu ta`uu waadaa seenee ture. Prazadaant Joo Baayden carraa Abbaan Murtii Stefen Breeyer soorama bahuuf dhihaachuu kanatti fayyadamuudhaan waadaa hawaasaaf seenee guuttachuu danda`ee jira.
Abbaan Murtii mana murtii olaanaa biyyattii keessaa yeroo dhihotti soorama bahuudhaaf deemu Steefen Breyeer,manguddoo waggaa 83 yoo ta`u, turtii waggoota 27 booda soorama bahuudhaaf murteessuu dubbate.
Prazadaant Joo Baaydenis akkuma oduu sooramaa kana dhagaheen waadaa Abbaa murtii gara mana murtii olaanaa biyyattiitti fiduuf seene dhugoomfachuuf sochii jalqabee hojitti seene.
Viidiyoon as biratti muldhatu kun, haasaa bilbilaa Prazadaant Joo Baayden, Kaadhimamtuu Mana murtii olaanaa Ameerikaatiif filatan Abbaa Murtii Ketaanjii yeroo bilbilaan dubbisan kan agarsiisu. haasaa isaanii guutuu viidiyoo irraa argachuu ni dandeettu.
Seenaa gurraacha jibba sanyummaa gurraachaatiin Ameerikaa keessatti barraahee jiru hirdhisuudhaaf,Prazadaant Joo Baayden Abbaa Murtii gurraacha kaadhimummaan dhiheessanii itti milkaa`uu isaaniitiin faaruu guddaa horatanii jiru.