Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkon Ambaasaaddar Maayik Haamer bakka Saaterfiild bu’uun ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa ta’uun kan muudaman ta’uu addeessaniiru.
Ibsa isaanii keessatti Antoonii Biliinkan Ambaasaaddar Saatarfiild bara aangoo isaaniitti gumaacha taasisaniif galateeffachuun, ergamaan addaa Ameerikaa haaraan kun tattaaffii dippilomaasii Ameerikaan naannichatti akka itti fufu abdii kan qaban ta’uu ibsaniiru.
Muudamni Ambaasaaddar Haamar tattaaffii dippilomaasii naannichatti cimsuuf waadaa Ameerikaan qabdu kan cimsu ta’uus hubachiisaniiru.
“Hunda olitti adeemsa siyaasaa hunda hammate, nageenya waloo fi badhaadhina lammiilee Itoophiyaa hundaaf ni deeggarra,” jedhan Bleeyin.
“Bulchiinsi kun waldhabdee kana xumuruu, gargaarsa namoomaa daangaa malee dhaqqabsiisuu, dhiittaa mirga namoomaa fi haleellaa gama hundaan gaggeeffamaa jiru irratti qorannoo gadi fageenyaa gaggeessuu, waldhabdee kanaaf furmaata irratti mari’achuu irratti xiyyeeffata,” jedhan.
Kanaan dura gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Deeviid Saatarfiild baatii caamsa keessa aangoo gadhiisuu isaanii beeksisuun isaanii ni yaadatama.