Aanaa Warra Jaarsootti Guyyaa Kaleessaa Namoonni Nagaa 18 Humnoota Mootummaan ajjeefamuun Barame

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Godina Kaaba Shawaa Aanaa Warra jaarsootti Waraanni Mootummaa Ajjechaa Guyyaa Kaleessaa Ummata Nagaa Irratti Geggeesseen Namoonni 18 Lubbuun Darbuu Maddeen Ifoomsan.

Ajjechaa juumlaa kana kan raawwate Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaafi Poolisii Humna Addaa Oromiyaata’uu kan eere maddi keenya bakichaa namoonni ajjeefaman kunneen qeerrowwanii fi qonnaan bultoota ta’uus hima.

Waraanni Mootummaa opireshionii farra riphee loltoota balleessuu jedhuun gamasitti boba’ee jiru, Waraana Bilisummaa Oromoo gandoota baadiyyaa Kaaba Shawaa jalatti argaman  guutummaatti to’annoo jala oolfachuun booda, naanichatti wal-waraansi geggeeffamaa akka ture dubbatu.

Humni moottummaan bobbaase abjuu baatii takka keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuu jedhutti dhugoomuu dhabuu isaatiin dallanee qonnaan bulaa harka duwaa irratti haloo ba’achaa jiru jedha maddi Oromia11.

Ajjechaa guyyaa kaleessaa geeffameenis namoonni sadii Aanaa Warra Jaarsoo Ganda Jamjam irra qabmuun hidhamanii kan turee fi mana hidhaa irraa kan baafamanii kan ajjeefaman yoo ta’an, namootni 15 ammoo Ganda Qonnaan Bulaa Awwaaree Goljee jedhamutti osoo bakka cidhaa Amaamotaa irra jiranii, Waraanni Mootummaa marsee kan isaan qabe ta’uu maddi keenya kun addeessee jira..

Maddi keenya akka nuuf ibsetti Namootni nagaan 18 kunneen badii tokko malee ega to’annoo waraana mootummaa jala seenaniin booda rasaasa akka bokkaatti itti roobsuun ega ajjeesaniin booda,maatiif hawaasni kaasee akka hin awwaalleef reeffa isaanii Aanaadhuma warra jaarsoo bakka Qarree Gohaa hallayyaa Alaantee jedhamutti geeffamuun ,irbaata bineensaaf darbamuu nuuf himanii jiru.

Waraanni mootummaa sirna minilik 2mmaffaa deebisuuf duula duguuggaa sanyii Oromoo irratti labsee geeggeessaa jiru kun oromoota juumlaan rashanuu dabalatee manaaf qabeenya tilmaamuun nama dhibu ibiddaan barbadeessaa akka jiranni Oromia11’tti himan.

Itti dabaluudhaan  akka maddeen keenya ibsetti Poolisonni Humna Addaa Oromiyaa duula duguuggaa sanyii Oromoo irratti bamame kana morman, Raayyaa Ittisa Biyyaatiin hidhannoo hiikkachiifamnii hidhamaa kan jiran ta’uu eeree jira.

Odeessa dabalataa amma nu dhaqqabeen tarkaanfiif duulli duguuggaa sanyii waraana mootmmaan Aanaa warra jaarsootti taasifamaa jiru hardhas ittuma fufee ooluun lubbuun namoota saddeetii dabalataan galaafatamuu maddeen Oromia11 addeesanii jiru.

Duula duguuggaa sanyii oromiyaa irratti labasame hordofee Godinaalee shawwaa cufa keessatti labsii Maqaa opireshinii farra riphee loltoota dhabamsiisuu jedhuun Diroonii dabalatee tarkaanfiin ajjechaa juumlaa waraanni mootummaa oromoota irratti fudhataa jiruun, Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee fi Boosatiitti ajjechaan walii galaa tibbana kan dhaqabe yoo tahu,haleellaa dironii Aanaalee Gindabaratitti geeffamaniin lubbuun hedduun galaafatamuu, Ajjechaa juumlaa qonnaan bultoota Aanaa Ada’aa Bargaa irratti geeffame fi kan Aanaa warra jaarsoo amma ta’e kana dabalatee,baatii takkaan as lubbuun  namoota nagaa dhibbaan lakka’amanii darbuu isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu