Aanaa Warra Jaarsootti Ajjeechaan Namoota 24 Ol Irratti Erga Raawwateen Boodas Uummata Doorsisuu, Buqqisuufi Sodaachisaan Haala yaaddessaa Keessa Jiraachuu Jiraatonni Himatu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Caamsaa 3 fi 4 bara 2022tti humnoonni mootummaa namoota Hamoomota cidhaa irra turan dabalatee namoota nagaa 24 haala suukanneessaan galaafachuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama. Ajjeechaa garjabeenyaa kana kan raawwatan waraana Raayyaa Ittisa Biyyaa yoo ta’u gochaa kana keessatti qoodni dhalattoota Amaaraa kan jibba Oromummaa daangaa darbe qaban ol aanaa akka ture maddeen keenya addeesanii turan.

Kana malees akka ibsa maddeen Oromia11 irraa argameetti badiin kun raawwatamuu dura walitti bu’iinsa WBO fi Humnoota Mootummaa giddutti ji’a tokko dura taasifamee tureen Ajajaan poolisaa naannawa saanaa tarkaanfii Waraana Bilisummaa Oromootiin waan ajjeefameef Haaloo ba’annaaf Ilmi poolisa ajjeefamee jumlaan namota nagaa 18 irratti rasaasa roobsuun badii hamaa kana raawwachuu addeessa.

Eerga Hawaasni Kun Jumlaan ajjeefamanii asitti Isintuu suuraa kaasee maxxansa jechuun hawaasa bilbila irraa guruu doorsisuufi yaaddessuun itti fufee jiraachuu hima maddi Oromia11.

Gama biraatiin Dhimmaa dhumaatii hawaasaa Aanaa Warra jaarsoo kanaan walqabatee Gabaasni BBC jiraattota odeeffachuun Dhiyeesses waanuma walfakkaataa addeessa.

Jiraatana BBC dubbise akka jedhetti reeffaa nama ajjeefamee Awwaallachuu akka hin dandeenyeefi gaddallee sodaan taa’aa jiraachuu himu.

Jiraataan Oromia11 odeeffates Hanga ammaatti reeffi namoottan ajjeefamanii akka hin kaaneefi aduufi roobaan tortoruu fi akkasumas bineensaan nyaachifamaa jira jedhe.

Akka jiraattonni jedhanitti, Caamsa 3, 2022 gaafa Kibxataa ganama namoonni 18 aanicha Ganda Awwaaree Goljee, bakka Badhaadha Gabreeliitti ajjeefamani.

Ilmi isaanii jalaa ajjeefamuu kan himan jiraataan tokkoo, gaafa Wiixataa (Caamsaa 2/2022) ganama humnoonni Federaalaafi Milishaa ganda isaanii keessa osoo adeeman arguu sagalee gaddaan BBC’tti dubbatu.

”Horii yaafnee ilma kiyya walin horii bira dhaabbanna. Tilmaamaan sa’aatii 12:15 ni ta’a,” jechuun ibsu.

”Koottaamee nuun jedhan. Seera eegneetoo achi gadi baane. Tikikkilanyaa Shanee amma arganne jedhanii mucaakoo qaban. Hoggasuma kootii shurraabii irraa baasanii harkasaa duubatti hidhan,” jechuun himu.

Gaafa hojjaa lammaffoo [Kibxata] nyaataa fi uffata qabanneefi dhaqne silaa seeratu isaan hidhe jennee kaampii Kaajimaa [humnootii nageenyaa bakka buufatan] gaafachuu deemne.” Jechuun BBC’tti himan.

Boodarra ilma isaanii dabalatee namoonni kaan gaafa Kibxataa barii sa’aatii 11:00′ (5:00AM)tti ajjeefamuu isaanii kanneen tsabala Waashaa Mikaa’elii cuphamuu deemanirraa dhagahuu dubbatu.

Mootummaan isaan hin beekne callisanii seeratti osoo hin dhiyaatin nu jalaa fixani,” jechuun hima.

”Reeffa nuu kennaa jennaan ofii itti dabalamuu barbaaddanii nuun jedhani,” jechuun hanga yoonaa reeffa akka hin fudhanne BBC’tti himan.

Qorri gubee, kaan allaattiin nyaatee kaan bineensi nyaataa jira.

Ilmi isaanii hidhattoota waliin hidhata qabaachuu kan gaafataman abbaan kun, ‘lakkii’ jechuun deebisu.

Ani namaan wallolee harka cabeetan anaa jecha barumsa kutaa kudhanii dhiisee waggaa tokko na gargaaruuf qonnatti deebi’e,” jedhan.

Jiraatan Biraa Gabaasa kana keessatti caqasames firri isaa namni Sadi ajjeefamuufii namni iddoo san deemee dhiiga Iddoo isaan itti ajjeefaman ilaale irraa qulqulleeffachuu hime.

Namni kun ajjeechaa dhagahanii owwaalchaaf deemanus nageenya isaaniif sodaatanii akka ofirra deebi’an himan.

Obboleessi isaanii ajjeefame Ayyaana Faasikaaf kan biyya galuufi nama hojii barbaadu ta’uu dubbatu

Ajjeesanii hallayyaarraan gadi gataniiru,” kan jedhan namni kun, akkuma maatii kaan maatiin isaaniis reeffa hanga yoonaa hin arganne jedhan.

Jiraataan aannichaa BBCn dubbiseefi nageenyaaf jecha maqaasaanii dhahuu akka hin feene himan kan biraa, namoota ajjeeffaman 18 keessaa 14 gooxiisaanii irraa ta’uu himan.

Kominikeeshiniin Aanaa Warra Jaarsoo ajjeechaan raawwatuu guyyaa tokko dura (Caamsaa2, 2022) ”Miseensoonni ABO Shanee 18 to’annoo jala oolanii jiru,” jechuun Marsaa Hawaasaa gubbatti qoodee ture.

Akka jiraattoonni kunniin himanitti Kanneen ajjeefaman keessaayis ”Kanneen hojii humnaa hojjatan, kaan ammoo mana amantaa irraa tajaajila daaqoniif eebbifamanii ayyaanaaf kan dhufantu jira. Barattoonni yuunivarsitii irraa deebi’anis keessa jiru jedhan.

Namni BBC’n dubbise kunis abbaa fi obboleessa nama ajjeefamee tokkoo waliin akka jiran kan himan yoo ta’u, duubasaaniis sagaleen bo’ichaa dhagahamaa ture jedhe BBC’n.

Bulchaan Aanaa Warra Jaarsoo Obbo Ayyalaa Mangistuu, BBC’n Kamisaa Caamsaa 5, 2022 dubbise walgahiirraa ka’anii dubbisuun”Warra Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin qorachaati jirra,” jedhan.

”Kan qabaman hedduun  isaanii warra diina waliin ture. Isa keessammoo maaltu jira kan jedhu adda baasnee qorachaa jirra,” jechuun dubbatan.

Ta’ulleen  jiraattonni Oromia11 odeeffateefi BBC dubbise mara hidhattoota walin hariiroo qabaachuu gaafataman, hunduu hariiroo akka hin qabne himu.

Jiraattonni kanneen ajjeefaman 18 jedhanis, bulchaan aanaa ”18 hin gahu garuu namni ajjeefameera,” jechuun deebisan.

dhimma duguuggaa sanyii  kana hubachuuf Hogganaa Ittaanaa Biiroo Bulchinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu BBC gaafatus dhumaatii kana mara quba akka hin qabneefii hin beekne himan.

Torbanuma darbe Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaatti namoonni 20 ol ajjeefamuu, jiraattoni himaniis qondaaltonni ”odeeffannoo hin qabnu” jechuun  deebisan.

Akkasumas Godinuma kana Aanaa Abunaa Gindabaratitti jiraattonni namoonni ajjeefamuu himaniis, qondaaloti mootummaa quba hin qabnu jechuun deebisan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu