Aanaa Fantaalleetti Tarkaanfii Humnoonni Mootummaa Fudhataniin Lubbuun Nama Lamaa Yoo Darbu Aanaa Mi’eessoottis Bifuma Walfakkaatuun Daa’ima Tokko Galaafatanii JIru.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Godina Shawaa Bahaa Aanaan Fantaalleetti Ebla 27/2022 dargaggoonni lama ajjeefamanii, dubartoonni shan immoo butamuu namni nut achirraa dubbifne nuuf mikaneesse jira.  Kana malees sababa weerara torbaan guutuu Aanichatti bobbafamee jiruun haawsni guutumaa guututti buqqa’ee bosonatti galee jira jedhe.

Ajjeechaan kun Ganda Dheebitii jedhamtu keessatti kan raawwatame yemmuu ta’u dargaggoota lamaa Aanaa Fantaalletti ajjeefaman keessaa dargaggoon tokko yeroo waraanni Uummata iddoo jireenya isaaniirraa buqqisee uummatni baqatetti harmee isaa kan dhukkubsattee mana keessa ciistu biratti waan hafeefi mana keessatti rasaasan ajjeesan jedha.

Weerarri Kun Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisoota Humna Addaafi Milishaa Oromiayaafi Qaamoota nageenya Mootummaan hawaasa nagaa irratti raawwatamaa kan jiru akka ta’eefi reeffa namoota ajjeefaman lamaafi dubartoota daa’immaan baatan dabalee uukkaamsuun gara Mana Barumsa Dheebitiitti fuudhanii akka geessan hima.

Itti dabaluun Waraannii Mootummaa kunniin Maqaa Oppereahiinii Kanaan Aanicha weeraree waan jiruufi haalii nageenyaa guutuu Aanichaa hedduu sodaachisaa dhufeera jedha maddi keenya kun.

Waraanni Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humnootni Poolisii Addaa fi Milishaa konkolaataa Oraalii 10 fi Isuuzii 6’n ganda Dheebitii fi Haroo Qarsaatti buufatan maqaa sakattaa’iinsa WBO jedhuun hawaasa nagayaa irratti dhukaasa banuun jiraattota buqqise kun hanga ammaattis gocha kana cimee ittuma fufaa jiras jedhu.

Bifuma walfakkaatuun Harargee Lixaa Aanaa Mi’eessoottis Humni Waraana Mootummaa kun daa’ima umrtii ganna 13 gadii ajjeesuu jiraattotni himanii jiru.

Jiraatan nuuti odeeffanne akka jedhetti Duulli Maqaa Riphee Lolaa balleeasuutiin hawaasa keessa bobbaafame Daa’ima Mo’aaz Diinoo jedhamu Ganda Dhakaa Daakuu jedhamutti Shanee jechuun rasaasaan ajjeese.

Dhimma Weerara Waraanni Aanaa Fantaalleetti bobbaafame lubbuu nama lamaa galaafateefii Harargee lixaatti daa’imaa Waggaa 13gadii ajjeese jedhame kana qulqulleeffachuuf Yaaliin hooggantoota nageenyaa Aanaalee lamaaniitti taasisetti Oromia11 hin milkoofne

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu