Minisootaa Keessatti Nyaanni Barattootaaf Kennamu Bilisa Taasifame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Guyyaan jalqabaa manni barnootaa itti banamu mana keenyaaf yeroo sardamaa fi baay`ee gammachuuti,intala barattuu kutaa shanii taate qaba.Haala isiin itti guddataa jirtu arguun hedduu na gammachiisa. of duuba deebi`ee suuraa kiyya kan gaafa ijoollummaa akka ilaalu na godhe.

Guyyaan jalqabaa manni barnootaa itti banamu mana keenyaaf yeroo sardamaa fi baay`ee gammachuuti,intala barattuu kutaa shanii taate qaba.Haala isiin itti guddataa jirtu arguun hedduu na gammachiisa. of duuba deebi`ee suuraa kiyya kan gaafa ijoollummaa akka ilaalu na godhe.

Seenaan Isteeta Minisootaa keessatti yoomiyyuu raawwatamee hin beekne,kan takkaas dhagahamee hin beeknetu bara kana keessa raawwatame.kanaan dura manniin barnootaa Isteeta kana keessatti argaman keessatti wanti raawwatamaa ture waanuma namni hundi beeku ture.Manniin barnootaa keessatti barattoonni maatiin isaanii galii gaarii qaban nyaataaf baasii kan ofii kaffalatan yoo ta`u, yeroo ammaa kana garuu barattoonni kamiiyyuu barnoota isaanii bilisaan barachuudhaaf nyaataaf kan hin kaffalle ta`uu seerri haaraan bahuudhaan raggaasifamee jira.

Minisootaan erga murtii kana dabarsitee booda, bulchaan Minisootaa obbo Tiim Walz gama Tiwiitara isaatiin akkana jechuun maxxanse:-

Labsiin dabre kun minisootaan Isteeta gaarii ijoolleen seeraan keessatti guddattu akka taatuuf tarkaanfii tokko fuulduratti nu tarkaanfachiisa. barattoota waa qabanii fi hin qabne jennee addaan qooduun gaarii miti,Daa`imman nyaachisuudhaan maatiiwwan kumoota dhibbaan lakkaa`amaniif akka waa qusataniif gargaaraa jirra.hanganuma.

Tim Walz (Bulchaa Isteeta Minisootaa)

Waa`ee Dhangaa Bilisaa Kana Irratti Namoonni Bebbeekkamoon Maal Jedhan?

Murtii hoogganaa fi dhaabni siyaasaa Dimokraatawaa Obbo Tim Walziin hoogganamu dabarse kana ilaalchisee yaadonni gara garaa deemaa kan turan yoo ta`u, gareen Rippaablikaanotaa yaada kana jalqaba irraa kan ture yoo tahu, gareen dhaaba Dimokraatawaa immoo deeggarsa isaanii kallattii gara garaatiin agarsiisaa jiran.

Guyyaan jalqabaa manni barnootaa itti banamu mana keenyaaf yeroo sardamaa fi baay`ee gammachuuti,intala barattuu kutaa shanii taate qaba.torban dabre barsiisota Isii wajjiin wal arguun barattoota kutaa Isii baratanis baruuf yaalaa turte. Haala isiin itti guddataa jirtu arguun hedduu na gammachiisa. of duuba deebi`ee suuraa kiyya kan gaafa ijoollummaa akka ilaalu na godhe. barri kun garuu barattoota qofaaf osoo hin taane,maatiifis gammachuu dabalataa fidee dhufe. Seenaa Isteeta keenyaa keessatti yeroo jalqabaatiif barattoonni sa`aatii ciree fi laaqanaa isaanii irratti dhangaa bilisaa akka manniin barnootaa keessatti soorataniif murteeffame.

kana irratti gaafiin gaafatamu hin jiru.daa`imman sooraa jirra.jireenya kiyya keessatti guyyaa akka Bulchaan Minisootaa Labsii kana itti mallatteesse na gammachiise argee hin beeku.Ciree fi Laaqana bilisaa barattoota hundaaf kennuun barattootni xiinsammuudhaan akka hin miidhamne isaan gargaara,maatiin akka maallaqa qusataniif gargaara,fayyaa barattootaa eeguudhaan akka isaan barnoota isaaniitiin ciman gargaara.dabalataanis sababa beelaatiif jecha barataan tokkoyyuu akka barnoota irraa hin hafne godha.

Adde. Filaanaagaan Peegii (Itti Aantuu Bulchaa Minisootaa)

Guyyaan Jalqabaa Manniin Barnootaa Fi Hooggantoota Minisootaa Maal Fakkaata Ture?

Akka aadaa biyya keenyaatti guyyaa jalqaba manniin barnootaa banamanitti hooggantoota mootummaa barattootaa fi mana barnootaa daaawwatan arguu dhiisiitii barattootaa fi barsiisotaayyuu arguun hiree gaaritti haajama. Inumaayyuu hanga guyyaa 15 guututti barnoonni waan hin oowwineef hin deemnu jedhanii mana barnootaa irraa hafuun waanuma baratame. Addunyaa biyyoota gurguddatanii keessatti garuu barnoonni,barataan,barsiisaan,Bulchiinsi manniin barnootaa fi Hooggantoonni olaanoon biyyattii bulchanis osoo hin hafin guyyaa kana jalqabsiisuuf hawwiin eegan.gatiin barataa fi barnootaatis sirritti waan galeef fakkaata. bulchaan Isteeta Minisootaa fi Itti aanaan Isaatis guyyaa jalqabaa barnoonni itti jalqabamutti,waajjira isaanii irraa ka`anii barattoota wajjiin manniin barnootaa keessatti dabarsanii oolan.

Obbo Tim Walz (Bulchaa Minisootaa) Barattoota Wajjiin

Aadde Filaanaagaan Peegii (Itti Aantuu Bulchaa Minisootaa) Barattoota Wajjiin.

Suuraawwan Dabalataa Ilaaluu Barbaannaan…

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Contact us

All Rights Reserved to Oromia11 Copyright © 2022 

Website designed by Fuad Siraj

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu