Taphataan kubbaa miilaa beekkamaan addunyaa kanaa Neeymaar duula taphattoonni urjiileen addunyaa kanaa kanniin akka Kiristiyaanoo Roonaaldoo,Kariim Beenzeemaa fi Saadiyoo Maanee fa`a Liigii Sa`udii guddisuuf jalqabanitti makamuun isaa dhagahame. Neeymaar Kilaba biyya Faransaay kan ta`e PSG irraa Yuuroo miliyoona 90 maan gara Al-Hilal makamuun isaa dhagahamee jira.
Taphataan sarara fuulduraa Kilaba guddicha Ispeen Baarseeloonaa fi kilaba guddicha Faransaay PSG`f maallaqa guddaadhaan bitamee taphataa ture Neeymaar umrii isaa waggaa 31tti gara Liigii Sa`uuddiitti makamuuf murteessee jira. Neeymaar bara 2017 keessa Kilaba Baarseeloonaa irraa gatii guddicha addunyaa kanaa kan tahe paawundii Miliyoona 200`n kilaba PSG tti kan makame yoo tahu, yeroo ammaa kana immoo yuuroo miliyoona sagaltamaan Kilaba Al Hilal tti makamee jira.
Neeymaar Waa`ee Jijjiirraa Gara Kilaba Al-Hilaal Maal Jedhe?
Awurooppaa keessatti hedduu milkaa`eera,yeroo gaarii dabarse.garuu yeroo hundaa taphataa addunyaa ta`uun qormaataa fi carraa haarayaan of qormaatuu barbaada.seenaa ispoortii haaraya galmeessuu barbaada.Liigiin Sa`udii immoo yeroo ammaa kana humna guddaa fi taphattoota qulqullina qaban qaba. waa`ee Liigii kanaa waan hedduu dhagaheera,baradheera.taphattoota Braaziil hedduu waggootaaf Sa`udii Piroo Liigii keessa taphatan hordofee murtii kana murteesse.kanaafuu bakki kun anaaf bakka akkaan naaf tahu.Kilabni Al-Hilal kilaba guddaa fi deeggartoota ajaa`ibsiisaa qabu,akkasumas Eeshiyaa keessatti kilaba gaariidha.Ani goolii galchuu fi injifachuu jaaladha,Sa`udii keessattis kanuma godhuuf karoora qaba.
Neeymaar
Jijjiirraa Neeymaar Irratti Prazadaantonni Kilaboota Lamaanii Maal Jedhan?
Neeymaar Nama jabaa addunyaa tanaatii fi jifataa eenyuyyuu dhaabuu hin dandeenye
Fahad Bin Saad(Dura Taa`aa Kilaba Al-Hilaal)
Taphataa akka Neeymaar gadi dhiisuun ni ulfaata. Miira yeroo inni jalqaba PSG seene ture yoomuu hin dagadhu. Waggoota jahan darban keessatti kilaba keenyaaf waan guddaa gumaache.
Naasir Al-Kilaafii (Prazadaantii PSG)
Waa`ee Liigii Piroo Sa`udii Namoonni Maal Jedhan
Akka Ani yaadutti Liigiin Sa`udii Piroo gabaa kubbaa miilaa jijjiiraa jira.osoo hin eeggamin wantoonni hedduun ta`ani.ji`oota muraasa,waggaa tokko dura Kiristiyaanoo Roonaaldoo qofatu gara deeme.achi booda taphattoonni ciccimoon,qulqullina qabanii fi dandeettii addaa qaban hundi garas deeman jedhee namni eege hin turre.Akka natti fakkaatutti wanti kun fuulduratti yeroo dhihoo keessatti hedduminaan ni muldhata jedhee yaada.
Peep Gaardiyoolaa (Leenjisaa Maanchister Siitii)
Yeroo gara Sa`udii imaletti maatummaatu natti dhagahame.dhugumatti simannaa gaaritu natti dhagahame.Ani yeroo hundaa waan sadi barbaada.jalqaba bakki jiraadhu maatii kiyyaaf gaarii tahuu,lammaffaa immoo Projaktiin kubbaa miilaa abdii qabaachuu,sababa sirriitiif dhaabachuu fi sadaffaan koontiraanni sirrii jiraachuudha.
Steeven Jeraard (Leenjisaa Garee Al Ittifaaq)