Balaan nageenya dhabiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa keessaa erga jalqabee turee jira. balaan naannoo kana keessatti kallattii gara garaatiin gaggeeffamaa ture hardha boca isaa jijjiiratee lammiilee nagahaa aarsaa kaffalchiisaa jira. walitti bu`iinsi qaamolee seeraan ala hidhatanii naannicha keessa socho`anii fi humna nageenya mootummaa naannoo jiddutti yeroo yerotti gaggeeffamaa ture, ammaan tana gara sadarkaa waraana hamaatti tarkaanfachuu isaa bira dabree hanga mootummaan Naannichaa too`achuu dadhabee Mootummaa Federaalaatti iyyachuu gahee jira.
Waraanni humnoota nageenya Mootummaa fi qaamolee hidhatan jiddutti gaggeeffamaa jiru kun ammaan tana humnaa ol waan ta`eef Prazadaantichi Naannichaa Xalayaa dafaa na dhaqqabaa gara Mootummaa Federaalaatti akka barreessuuf dirqama tahee jira.
Prazadaantichi xalayaa guyyaa hardhaa Hagayya 3,2023tti Mootummaa Federaalaatiif Barreessan Keessatti, rakkoo nageenyaa naannichatti mudate karaa sirna seera kabachiisuu idileetiin tasgabbeessuun waan hin danda`amneef,mootummaan Federaalaa Itoophiyaa akka tarkaanfii barbaachisu fudhatu jechuun gaafate.
Mormiin baatiiwwaniif naannoo Amaaraa iddoowwan gara garaa keessatti babaldhataa dhufee fi walitti bu`iinsi naannicha keessatti babaldhataa dhufe lubbuun namoota dabruu fi qabeenyi barbadaa`uuf sababa ta`ee jira.akkasumas sochiileen geejjibaa fi sochiiwwan idileetis danqamanii jiran.
Obbo Dammaqaa Mokonnin Hasan Dhimma Kana Irratti Maal Jedhan?
Itti Aanaa Muummicha Ministeera Itoophiyaa kan ta`an kabajamoo Obbo Dammaqaa Mokonnin dhimma kana ilaalchisee waan dubbatan qaban. dhimmi isaaniitis kunooti:-
Rakkooleen Nageenyaa Naannoo Amaaraa Keessatti mudachaa jiran yaaddessaa ta`aa dhufanii jiran. Gaafiiwwan bu`uuraa deebii hin arganne baay`eedha.garuu, rakkoolee kanniin hunda furuuf karaan gaariin marii nagaa fi sirriiti.Adeemsi kanaan alaa immoo:- 1.Karaa deebii gaafiiwwan keenyaa kan gufachiisu. 2. Kan waan qabnu nu dhabsiisu. 3. dhimmoota dhaabbataadhaan ilaalamuu qaban jennee yaadne akka hin furamneef wal xaxaa taasisu. Amma yeroo Yoo Nageenya hin qabaanne waan hunda dhabda jedhu
keessatti waan argamnuuf of eeggannoodhaan deemuun dirqama. Ogummaa fi hubannoo Baroota hunda yeroo qormaatilee fi rakkooleen gara garaa nu mudatan abbootiin keenya ittiin fayyadamaa asiin nu gahan jabeeffachuun barbaachisaadha. Akka waan jaarsonni,hangafoonni,Abbootiin amantaa biyyaa, hin jirretti,Ammaan tana adeemsi nu hunda wal nyaachisuu fi nyaatutu muldhata. dhumni dubbii kanaa immoo bitaanis haa tahu mirgaan humnoota keessaa fi alaa hiriiranii jiraniif cidhaa fi deebii tahee, humna kan nu dhabsiisu,kabajaa keenya kan tuquu fi daran kan nu saaxilu akka hin taaneef sodaadha. Jijjiirama kan irraa wantoonni eegnee hanga ammaatti deebii hin arganne jiraachuu malu.garuu,deebii gaafiiwwan kanniinii argachuudhaaf dhaabbannee yaaduu fi karaa nagahaatiin furmaata waaraa barbaaduun barbaachisaadha. Kanaaf immoo Seerrii fi Sirni hundaafuu wabii ta`e kabajamuu qaba.Obbo Dammaqaa Mokonnin Hasan (Itti Aanaa Muummee Ministeera Itoophiyaa)
1 thought on “Prazadaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Mootummaan Federaalaa Daddafee Akka Isa Dhaqqabuuf Iyyate.”
Iti mudii
Comments are closed.