BALAA LUBBUU SHAMARRAN 5 GALAAFATE.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ameerikaa Isteeta Minisootaa Kutaa bulchiinsa magaalaa Miniyaappoolisitti balaan konkolaataa galgala guyyaa Jimaataa Waxabajjii 16,2023tti mudate lubbuu shamarran shanii limsuu ijaa keessatti kichuu kutuun isaa dhagahame. shamarran balaa kanaan lubbuun isaanii hanqisa murame Siham Adan, Umrii ganna 19, Sahra Liban Gesaade, umrii ganna 20,Sabrin Mohamoud Ali, umrii ganna 17, Sagal Burhan Hersi, umrii waggaa 19 fi Salma Mohamed Abdikadir, Umrii Waggaa 20.

Waa`ee Shamarran Balaa Kanaan Dhumanii Maal Fa`a Beekna?

Shamarran kunniin hawaasa isaanii keessatti wanti isaan ittiin beekkaman barnoota idilee fi amantii Islaamaa jabeeffachuu isaaniitii fi yeroo hedduu wal malee deemuu dhabuu isaaniiti. Shamarree Sabriin Alii barattuu bara kana kutaa 12ffaa mana barumsa sadarkaa 2ffaa Edina High School irraa eebbifamtee gara University Minisootaa deemuudhaaf galmooftee eegaa turte. Shamarree Sahraa Gesaade immoo Yuunivarsiitii Minisootaa Rochisteritti barattuu waggaa 3ffaati. Shamarree Salmaa Abdikadir immoo Kolleejjii Normandale tti barattuu yoo taatu, mana barnoota St.Louis Park tti immoo barsiiftuu mana barnoota sanbattan lamaaniiti.Shamarree Sihaam Aadam immoo barattuu Yuunivarsiitii Minisootaati. Shamarree Sagal Hirsii Immoo Kolleejjii Miniyaappoolisitti barattuudha. shamarran shanan kunniin akkuma wal qabatanii wajjiin guddatanitti du`as wajjiin dhandhaman.

Konkolaachisaan Balaa Kana Dhaqqabsiise Eenyu?

Balaan lubbuu shamarran abdii boruu biyyaaf ta`an tasa galaafate kun sababa konkolaachisaa Deerik Toompsan jedhamuuti. namni kun dargaggeessi umrii waggaa 27 yoo tahu, abbaan isaa Joon Toompsan bakka bu`aa Isteeta Minnesota duraanii ture. namni kun bara 2018 keessa isteeta Kaalifoorniyaatti dubartii takka konkolaataadhaan dhahuudhaan paaralaayiz godhee biraa baqachuun isaa ni beekkama. waxabajjii 16tti immoo balaa hamaa lubbuu shamarran shanii galaafate kanas dhaqqabsiisuudhaan baqachuuf osoo yaalaa jiruu poolisootaan too`annoo jala ooluu danda`ee jira. namni kun balaa kana dhaqqabsiisee yeroo qabametti konkolaataa isaa keessaa qorichi nama hadoochuu fi maallaqni doolaara $20,000 argamuun gabaafamee jira.

Sirni Gaggeessaa Fi Awwaalcha Shamarran Shananii Maal Fakkaata Ture?

Shamarran Shanan hawaasa isaanii biratti hedduu jaalatamanii fi haalli du`a isaanii nama hunda suukanneesse sirni gaggeessaa haalaan adda ta`e godhameefii ture. Waxabajjii 19,2023tti masjida Daar Al Faaruq kan Magaalaa Biluumiingten, Minnesotatti argamutti salaatni janaazaa irratti slaatamee erga ka`ee booda iddoo qabrii “Garden Of Eden Islamic Cemetery” jedhamutti awwaalamanii jiran.

Balaan konkolaataa addunyaa tana irratti hammaataa dhufaa jira fakkaata. biyyoota gurguddatanii fi hin guddanne keessattis sababa konkolaachiftoota dantaa dhabaniitiin guyya guyyaan lubbuun nagahaa harca`aa ooltu takkaaf lamaa miti. Minisootattis wanti ta`e kanuma. akkuma dhiheenya kana Itoophiyatti sababa balaa konkolaataatiin hayyoota meeqa of biraa dhabnee dhukkubsannee caldhifnetti, hawaasni Minisootaatis godaannisa madaa du`a kanaa baadhachuuf dirqamee jira.

Xumura Irratti wanti walitti dhaammannu nama konkolaataa qabuu fi konkolaachisu taanaan sababa dantaa dhabuu keetiitiin lubbuun nagahaa akka hin badneef gahee kee bahadhu, nama miilaan deemu yoo taateef immoo konkolaachisaan hundi ijaan si arguu waan hin dandeenyeef of eeggannoo barbaachisu hunda godhi.warra du`e rabbiin haa araaramuuf, hawaasa baldhaaf immoo jajjabina haa kennu jechuun nagaha isinitti dhaamanna.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu