Koongresiin Federaalawaa Oromoo Kora sabaa 2ffaa Magaalaa Finfinnetti Gaggeeffatan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Koongirensiin Federaalaawa Oromoo Korra sabaa 2ffaa magaala Finfinneetti taa’aa ture nagaan xumuruu fi milkaa’aa ta’uu partichi ibsa ejjennoo xumura yaa’ii kanaarratti baaseen ibseera.Korri sabaa kun bakka keessummoonnii fi bakka buutonni boordii filannoo argamanitti taa’amaa kan ture, koree hoji raawwachiiftuu dhaabichaafi koree giddu galeessaa filachuunis raggaasiseera. Dhaabichi kora isaa kanarratti piroofeesar Mararaa Guddinaa irra deebiin dura taa’aa, Obbo Baqqalaa Garbaa dursaa itti aanaa dura taa’aa, Obbo Jawaar Mohaammad ammoo ittaanaa dura ta’aa dhaabbicha gochuun filateera. Koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaaf miseensota 17 akkasumas koree giddugaleessaaf miseensota 85 filateera. Koree hojii raawwachiiftuu keessatti miseensa ta’anii kanneen filataman keessa miseensota buleeyyiin alatti miseensota haaraa filataman keessa Obbo Hamzaa Boraana fi kanneen biroos ni argamu.





Kora kana irratti Obbo Xurunaa Gamtaa, Barreessaa olaanaa, Obbo Hamzaa Adaanee Itti aanaa Barresssaa, Obbo Dajanee Xaafaa Itti gaafatamaa Siyaasaa ta’anii filatamaniiru

Itti dabaluun Obbo Mootii Begii itti gaafatamaa dhimma Hawaasummaa, Obbo Sulxaan Qaasim Itti Gaafatamaa quunnamtii hawaasaa, Obbo Girmaa Guutamaa itti gaafatamaa Koree Odiitiifi Inispeekshinii Naamusaa ta’uun filamataniiru. Guyyaa baniinsa kora kanaa irraatti bakka buutotni dhaabota siyaasaa biroos argamanii haasaa taasisaniiru. Bakka Bu’aan paartii uummata Affaar Musaa Adam ”waggoota lamaan darban wanti nuti hin taane hin jiru, jabaannees, gadi jennees buluu yaallee dadhabnee” jechuun dhaabbileen siyaasaa wal-hubatanii hojjechuu akka qaban dhaaman. Waraana Kaaba Itoophiyaatti eegaleen walqabatee ”nagaa jechuun nama nyaata, qabsoo nageenyaa jechuun nama nyaata” jechuun gaaga’ama ture yaadachiisaniiru.Dhaaba haaraa ODA jedhu kan hundeessanii turan Obbo Sulxaan Qaasiim guutummaatti KFO’tti makamuu himuun dhaloonni haaraan kun jijjiirama KFO’tti dabalamee dhiiga haaraa itti maka, Qabsoo Sabaa milkeessuuf jaarmaa ijaaruun galma mit, Tokkummaan dhaabbatanii kanneen akeeka walfakkaatu qaban waliin qabsoo Sabaa ariifachiisuudha jechuun murtoo jabduu dabarsuusaanii akeekaniiru.Kana malees Erga miseensa KFO ta’anii waggaa lamaan booda, dura taa’aa itti aanaa ta’uun kan filataman Obbo Jawaar Mohammed ,namootni akka haaraatti hooggansatti dhufaan hooggantoota buleeyyiirraa muuxannoo akka fudhatan jechuun, barnootaa qabaniin ammoo particha akka jabeessan dhaamanii jiru. Yaa’iin kora KFO miseensota dhaabichaa godinaalee Oromiyaa hundarraa dhufan baayyinna 623 ta’an hirmaachise kun, guyyaa lammaaf walitti aansuun kan geggeeffame ture.Dhumarrattis partichi Ibsa qabxii shanii baaseen kan golobe yoo tahu ibsa kana keessattis qabsoo Qeerroofi Qarreen Oromoo adda durummaan barootaaf taasisaniin waggaa afur dura jijjiirama fiduufi jijjiiramni butamuun waggoottan sadeen darban biyyattiin wal waraansa keessa jiraachuu. Adeemsa hammaataa gartuun aangoo dhuunfateen lolli mancaatii guddaa geessise Kabaa biyyattii uumama ittuu dubbii hammeessee biyyattii qarqara deegamuu irraan gahuu.Yaaliin wal waraansa Kaabaa dhaabuuf taasifamu kan barfate ta’us waan jajjabeefamu ta’uufi isa kana wal waraansa guutuu biyyattii adeemaa jiru hunda kan hammatu akka ta’uRakkoo Walwaraansaa fi Siyaasaa mudate furuuf marii hunda hirmaachisee fi hundaaf amanaa ta’e gaggeessuun yeroo maayiif furmaata itti laachuu akka barbaachisu.Sababa wal waraansaa fi hoongeen bakka gara garaatti hawaasa beelaan rakkachaa jiruuf daangaa malee gargaarsi akka namoomaa akka taasifamu kan gaafatu keessatti argama.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

1 thought on “Koongresiin Federaalawaa Oromoo Kora sabaa 2ffaa Magaalaa Finfinnetti Gaggeeffatan.”

Comments are closed.

Picture of oromia11

oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu