Artistiin qabsaa`aan sagalee kiloolee isaatiin waggoota dheeraadhaaf qabsoo hawaasa Oromootiif beenzila ta`aa ture, Artistiin umrii isaa ijoollummaa irraa hanga guyyaa dachii irraa du`aan godaanuutti hawaasa Oromootiif dhangaa aartii irraa waan qabu qoodaa ture, Artist Zarihuun Wodaajoo Ebla 22,2023tti Ardii Eeshiyaa Biyya Hindii hospitaala Suppermarks jedhamu keessatti lubbuun isaa dabruun ni yaadatama.
Du`a Artist Zarihuun Wodaajoo Irratti Namoonni Maal Jedhan?
Akkuma oduun du`aan godaanuu Artist Zarihuun dhagahamee booda, namoonni bebbeekkammoon,hooggantoonni biyyaa, lammiileen sabaa fi sablammoota gara garaa, akkasumas waahellan qabsoo bara dheeraa waan hedduu dubbatanii jiran. gadda isaanitti dhagahames karaalee gara garaatiin ibsatanii jiran. kanniin keessaa muraasa isiniif qoodna.
Artist Zarihun nama uummata isaaf hojii bara baraan dhalootaaf darbu hojjete waan ta’eef hojiifi maqaan isaa bara baraan dhalootaan yaadatamaa jiraata.umurii ijoollummaa isaa irraa eegalee nama artiif amanamee artiif jiraate waan ta’eef hojiin inni hojjete bara baraan dhalootaa dhalootatti kan darbuufi dhaloonni akka daawwitiitti keessatti kan of ilaaludha.Zarihun nama jaalala uummataa cimaa qabuufi dhaloota artiin walitti hidheefi walbarsiisedha
Prazadaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Zarihuun Wadaajoo, sagalee roorroofi laalaa gabrummaa, bilbila hawwiifi abdii bilisummaa galata kee Oromoon lakkaayee hin fixu. Nagaan boqodhu!!
Obbo Jawaar Muhammad
Lubbuun du`arraa haftu hin jirtu duuti dawaa hin qabu.Yaaliin fedhe nama hin hanbisu. Qabsaa`aan zarihuun wadaajoo yaalii yeroo dheeraa booda kaleessa galgala gara biyya deebii hin qabnee fuula Rabbi deemeera. Maatiifii hawaasa inni falmaafii ture Rabbi obsa hakennuufi.
Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa
Goota Jabaa!
Zarihuun Wadaajoo artistii qofa miti. Goota jabaa gaafa giitii sodaa malee dhugaa sabaa geerare! Leenca dheessa hin beekne! Lammii lagaan hin qoonne!!Takkaa waan tufe hin arraabne! Sabaaf malee ofiif hin jiraanne! Nama guddaa akkasii dhabuun gadda guddaa dha! Ammoo duuti waan hin oolle. Wanti guddaan seenaa hin duune hojjatuu dha. Dhaloonni gootummaa isaa yaa dhaalu. Isaaf biyyoon yaa salphatu. Firrii, hiriyaa fi sabi yaa jajjabaatu!
Dhaloota finiinaa amma jiru kana uumuu keessatti qooda cululuqee mul’atu qabda.
Dungoo gaafa dukkanaa, sagalee abdii gaafa yaaddoo san turte. Ulfaataa fi jaalatamaa namaa, nagaan boqodhu.
Aktivist Yahyaa Beshiir
Lubbuun darbuu artisti Zarihuun Wadaajoo kanan dhagahe gadda guddaani. Artisti Zarihuun Wadaajoo roorroo, injifannoo, abdii fi gammachuu saba Oromoo ogummaa hawwataa ta’een guddisaa kan jiraate, seenaa Oromoo keessatti artistii iddoo olaanaa qabudha. Maatii fi dinqisiifattoota isaaf jajjabinan hawwa. Waaqni lubbuu isaa Jeennata nuuf haa jiraachisu.
Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee
Reeffi Artist Zarihuun Biyya Hindii Irraa Ka`ee Hanga Itoophiyaatti Haala Kamiin Simatame?
Artist Zarihuun erga du`aan dachii kana irraa godaanee booda, imalli itti aanu reeffa isaa gara biyyaa fi biyyee inni itti dhalatee umrii isaa guutuu qabsaa`uudhaan dabarseetti gaggeeffamuu ture. kanaaf immoo lammiilee fi jaalattoonni isaa kanniin biyya hindiitti argaman wal gahuudhaan gaggeessaa taasisaniifii turan.
Reeffi artist Zarihuun Wodaajoo biyya Hindii irraa ka`ee Ebla 25,2023tti buufata xayyaara Idil Addunyaa Boolee yoo gahu, simannaan addaatis taasifameefii ture. Sirna simannaa kana irratti artistootni Oromoo, namootni bebbeekkamoon, akkasumas Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hooggantootni bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa hedduu fi aangawootni mootummaa federaalaa kanniin akka Ministeera Aadaa fi Ispoortii obb. Qajeelaa Mardaasaa, aaddee Burtukaan Ayyaanoo, itti aantuun ministeera haajaa alaatii fi namootni hedduun argamuudhaan simannaa taasisaniifii jiran. Reeffi kunis erga simannaan taasifameefii booda gara iddoo mana jireenya maatii isaa kan bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti argamutti geeffamee ture.
Sirni Gaggeessaa Fi Awwaalcha Reeffa Artist Zarihuun Wadaajoo Finfinnetti Maal Fakkaata Ture?
Ebla 26,2023tti sirni awwaalcha Artist Zarihuun Wadaajoo kan raawwatame yoo ta`u, Reeffi goota kanaa ganama hardhaa mana jireenya maatii isaa Buraayyuu Kattaa irraa ka`uudhaan Maarshii baandiitiin dabaalamee gara bataskaana Kaateediraalii Sillaasee 4Kiilotti argamuu kan geeffame yoo tahu, achittis sirna amantii Ortodoksiitiin gaggeessaan erga godhameefii booda reeffi isaa awwaalamee jira.