Doktor Alii Daawuud kaleessa lubbuu daa`imman egeree boruu ta`uu danda`an hedduu lubbuu isaanii du`a irraa oolchuudhaaf sababa ta`aa ture. Doktor Aliin Hospitaala Xiqur Ambassaa keessatti ogeessa Onnee Gidduu seensaa Daa`immanii (Pediatric Intervention Cardiologist) ti. daa`imman harganuu dadhabanii rakkataa jiraatan hedduuf sababa bilisummaa fayyaa argachuu isaanii ta`ee ture. hardha garuu innis dabareen dhukkubsachuu isa geenyaan akkuma nama kamiituu dhukkubsatee siree irratti hafee jira.
Namni kun kaleessa biyyaaf gumaata guddaa godhaa turus, hardha waan ittiin yaalamu dhabee rakkataa jira.nama kana yaalchisuun daa`imman harganuudhaaf cinqaman yaalchisuudha.
Doktor Aliin Dhukkuba Akkamiitiin Qabame?
Doktor Aliin biyyoota alaatti barachuudhaan gara biyya isaatti deebi`uudhaan lammii isaa gargaaraa kan ture yoo tahu, osoo hojii idilee isaa irra jiru tasa dhukkubsachuun isaa dhagahame. qorannoo godhameenis Kaansarii Sombaatiin(Lung Cancer) qabamuun isaa kan itti himame.
Doktor Alii Daawudiitiif Maaltu Barbaachisa?
Doktorri maatiin ilmaan isaanii inni gargaareef ragaa isaa bahan kun waan lama qofa hawaasa isaa irraa barbaada. akka murtiin boordii ogeeyyota fayyaa Hospitaala Xiqur Ambessaa irraa bahe agarsiisutti, Doktor Aliin hatattamaan gara biyya alaatti deemee yaala isa barbaachisu argachuu qaba. kanaaf immoo maallaqni gahaan jiraachuu qaba jedhamee jira. kanaafuu hawaasni waan danda`uun isa cinaa dhaabbatee akka isa yaalchisuuf yaamichi lammummaa godhamaa jira. Ogeessa Onnee daa`immanii kana yaalchisuudhaan daa`imman abdii dhabanitti abdii haa horruun dhaamsa keenya.
Namoonni Doktora kana gargaaruuf fedhii qabdan odeeyfannoowwan armaan gadii kana irraa fudhattanii gargaaruu ni dandeettan.
Baankii Awaash:- 013200510684101 (Sofia Seid Yimer/ Ali Dawed Mohamed)
Baankii Daldala Itoophiyaa:- 1000533184271 (Sofia Seid/Ali Dawed)