BULCHIINSI MAGAALAA FURII GARGAARSA HAWAASA BOORANAATIIF DEEMAA TURE HIDHE.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ummanni Oromoo Booranaa sababa hoongee dheerateetiif jecha beela hamaadhaaf erga saaxilamuun isaa dhagahamee bubbulee jira. hawaasa beela hamaadhaan miidhamee lubbuun dararamaa jiru gargaaruudhaafis sadarkaa idil addunyaatti yaamichi lubbuu baraaruu godhamee gargaarsi guuramaa turuun isaa ni yaadatama. gargaarsa hatattamaa godhamaa jiru kana cinaa dhaabbachuudhaanis Abbootiin qabeenyaa oromoo biyya keessaa fi alaa irratti hirmaataa turan.

Obbo Yaadataa Juneeydii
Obbo Tokkummaa Fiixee

Gargaarsi hawaasa Booranaatiif sadarkaa idil addunyaatti godhamaa ture, gosa gargaarsaa gara garaa yoo tahu, gargaarsi midhaan nyaataa irraa jalqabee hanga gargaarsa dawaa fayyaaf ooluutti godhamaa ture. namoota gargaarsa kana irratti harka isaanii diriirsaa turaniif gama Mootummaa Naannoo Oromiyaatii waraqaa ragaa beekkamtii marsaa tokkoffaa fi lammaffatti qooduun kennee jira.

Waa`ee Gargaarsaa Mootummaan Maal Jedha? Rakkoleen Jiran Hoo Maal Fa`a?

Dhiheenya kana Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala gargaarsa ummata Booranaatiif guuramaa jiruu fi karaa gargaarsi ittiin guuramuu fi ergamu irratti ibsa tokko baasee ture. ibsi sunis gargaarsi guuramu hundi dhaabbilee seera qabeessa tahanii fi gama Dhaabbata Buusaa Gonofaa Mootummaan hoogganuutiin qofa akka tahu kan jedhu. haaluma kanaan erga ibsi kun bahee booda dhaabbilee fi namoonni gargaarsa hawaasaa qabatanii socho`aa turan rakkoolee gara garaatiif saaaxilamuu danda`anii turan. gama biraatiin immoo namoonni dhuunfaa tokko tokko gargaarsa hawaasaaf deemaa jiru kan saamaa jiran tahuunis beekkamee jira.

Bulchiinsi Furii Gargaarsa Ummataaf Deemaa Jiru Maaf Hidhe?

Guyyoota afur dura bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa Furiitti wanti mudate hawaasa Oromoo hedduu gaddisiisee jira. gargaarsi hawaasa Oromoo Booranaatiif deemuudhaaf qopheeffamee ture qaama bulchiinsa magaalattiitiin kan qabamee fi saamame tahuun himame. Hawaasni Oromiyaa bahaa gargaarsa kana adda durummaadhaaan kan walitti qaban yoo tahu, gargaarsa kana keessatti qooda guddaa kan qabdu haadha hiyyeessaa jedhamuudhaan kan beekkamtu Haadha qabeenyaa Oromoo biyya Ameerikaa kutaa Minisootaa teessoo ishii godhatte Aadde Treezaa Aammeeti. gargaarsa midhaan nyaataa kuntaala 1000 fi meeshaalee yaala fayyaa hawaasaa tahuun beekkamee jira.

Gargaarsi kun yeroo ammaa kana Magaazina bulchiinsa magaalaa Shaggar Kutaa Furiitti kan argamu yoo tahu, dhimma kana irratti hanga ammaatti gama bulchiinsaatii deebiin kenname hin jiru.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu