MAGAALAAN MINIYAAPPOOLIS YEROO MUDDAMA ROOBA CABBII BAAFTE.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ameerikaa,kutaa bulchiinsa Minisootaatti, bulchiinsi Kutaa magaalaa Miniyaappoolis yeroo muddamaa Rooba Cabbii guyyoota sadiif ture baaftee jirti. uggurri yeroo muddamaa kun Gurraandhala 22,2023 irraa jalqabee hanga gurraandhala 24,2023 tti kan turu yoo ta`u, guyyoota kanniin keessatti karaaleen magaalattii keessatti argaman hedduun guyyoota sadiin kana keessatti konkolaataan sa`aatiiwwanii fi iddoowwaniin qoqqoodamanii kan irra dhaabaman tahuu gabaafamee jira.

Seerri uggura konkolaattota karaa irra dhaabuu kun hardha guyyaa lammaffaa isaa qabatee jira.akkuma suuraa irratti muldhatutti iddoowwan hayyamamanii fi dhoorkaman addaan baafachuun hedduu barbaachisaadha.

Uggurri guyyaa lammaffaa ganama sa`aatii 8:00am irraa jalqabee hanga galgala sa`aatii 8:00pm tti kan turu yoo ta`u,walakkaa kanatti iddoowwan dhoorkaa tahan hunda irratti konkolaataa dhaabuun dhoorgaadha. hanga uggurri kun dhumatuuf iddoowwan bilisaan konkolaataan irra dhaabuun dandahamu qopheeffamee jira. iddoowwan bilisaa kanniinis suuraa armaan gadii kana irraa argachuu ni dandeettu.

Uggura karaalee irraatii fi haala konkolaattota ittiin dhaaban viidiyoo armaan gadii kana irraa argachuu ni dandeet

ROOBNI CABBII HANGA AMMAATTI MAAL FA`A MIIDHE?

  • Jiraattonni miliyoona tokkoo ol tahan ifaa malee hafanii jiran.
  • Jiraattonni miliyoona 24tti dhihaatan of eeggannoodhaan akka taa`an itti himamee jira.
  • Haala Qilleensaa qorra hamaa
  • Bubbee hamaa
  • Rooba cimaa

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu