๐‡๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ฅ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐š ๐Š๐ฎ๐ญ๐š๐š ๐Œ๐ข๐ง๐ข๐ฌ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐†๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐’๐š๐๐ข๐ข๐Ÿ ๐˜๐š๐š๐๐๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š๐๐ก๐š ๐‰๐ž๐๐ก๐š๐ฆ๐ž.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Akka Odeeyfannoon dhaabbata biyyoolessaa haala qilleensa Ameerikaa gabaasetti, haalli qilleensa kutaa mgaalaa Minisootaa keessa jiru Guyyaa boruu Gurraandhala 21-23,2023 tti hedduu yaaddessaa ta`uun himamaa jira.Kutaa Minisootaatti cabbiin guyyaa hardhaa irraa jalqabee kan bu`aa jiru yoo ta`u, guyyaa boruu irraa jalqabee hanga Kamisaatti cabbiin hamaan kan bu`u ta`uunis himamaa jira. cabbiin kun hanga Iinchii 22tti kan bu`u yoo ta`u, sababa kanaaf jecha of eeggannoowwan barbaachisan godhamuus akka qaban himamee jira.

Akka Odeeyfannoon dhaabbata biyyoolessaa haala qilleensa Ameerikaa gabaasetti, haalli qilleensa kutaa mgaalaa Minisootaa keessa jiru Guyyaa boruu Gurraandhala 21-23,2023 tti hedduu yaaddessaa ta`uun himamaa jira.sababa Cabbii hamaaf bu`uuf deemuuf jecha imalli karaa dheeraa godhamuu fi balaalliiwwan hedduunis kan haqamaa jiran ta`uun dubbatamee jira.guyyaa hardhaa qofa konkolaattonni 150 ol ta`an balaaf kan saaxilaman ta`uunis himamee jira. guyyoota sadan kana keessatti cabbiin bubbeen wal make waan jiraatuf of eeggannoowwan barbaachisan Hundi Godhamuus akka qaban dubbatamee jira.

MIIDHAAN BALAA KANAAN DHAQQABU MAAL FA`A?

  • Miidhaa Lubbuu fi Qabeenya irratti dhaqqabu.
  • Imalaa fi balalliin gara garaa haqamuu.
  • Karaan cuccufamuu.

Qophiileen Barbaachisan Maal Fa`a?

  • Yoo danda`ame Manaa bahuu dhabuu.
  • Meeshaalee yeroo qabbanaatiif barbaachisan kanniin akka Uffata Oowwaa, Chaarjerii Bilbilaa, bishaan, nyaataa fi ifaa harkaatis hunda qabatanii socho`uu.
  • Odeeyfanoo Haala qilleensaatiin walqabate yeroo yerotti argachuudhaaf miidiyaawwan kutaa Minisootaa hunda hordofuun eeggachuu.
  • 511 irratti bilbiluun odeeyfannoo argachuu.
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

1 thought on “๐‡๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ฅ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐š ๐Š๐ฎ๐ญ๐š๐š ๐Œ๐ข๐ง๐ข๐ฌ๐จ๐จ๐ญ๐š๐š ๐†๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐’๐š๐๐ข๐ข๐Ÿ ๐˜๐š๐š๐๐๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š๐๐ก๐š ๐‰๐ž๐๐ก๐š๐ฆ๐ž.”

Comments are closed.

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu