𝐇𝐚𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐐𝐢𝐥𝐥𝐞𝐞𝐧𝐬𝐚 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐢𝐧𝐢𝐬𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐒𝐚𝐝𝐢𝐢𝐟 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐝𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐉𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Akka Odeeyfannoon dhaabbata biyyoolessaa haala qilleensa Ameerikaa gabaasetti, haalli qilleensa kutaa mgaalaa Minisootaa keessa jiru Guyyaa boruu Gurraandhala 21-23,2023 tti hedduu yaaddessaa ta`uun himamaa jira.Kutaa Minisootaatti cabbiin guyyaa hardhaa irraa jalqabee kan bu`aa jiru yoo ta`u, guyyaa boruu irraa jalqabee hanga Kamisaatti cabbiin hamaan kan bu`u ta`uunis himamaa jira. cabbiin kun hanga Iinchii 22tti kan bu`u yoo ta`u, sababa kanaaf jecha of eeggannoowwan barbaachisan godhamuus akka qaban himamee jira.

Akka Odeeyfannoon dhaabbata biyyoolessaa haala qilleensa Ameerikaa gabaasetti, haalli qilleensa kutaa mgaalaa Minisootaa keessa jiru Guyyaa boruu Gurraandhala 21-23,2023 tti hedduu yaaddessaa ta`uun himamaa jira.sababa Cabbii hamaaf bu`uuf deemuuf jecha imalli karaa dheeraa godhamuu fi balaalliiwwan hedduunis kan haqamaa jiran ta`uun dubbatamee jira.guyyaa hardhaa qofa konkolaattonni 150 ol ta`an balaaf kan saaxilaman ta`uunis himamee jira. guyyoota sadan kana keessatti cabbiin bubbeen wal make waan jiraatuf of eeggannoowwan barbaachisan Hundi Godhamuus akka qaban dubbatamee jira.

MIIDHAAN BALAA KANAAN DHAQQABU MAAL FA`A?

  • Miidhaa Lubbuu fi Qabeenya irratti dhaqqabu.
  • Imalaa fi balalliin gara garaa haqamuu.
  • Karaan cuccufamuu.

Qophiileen Barbaachisan Maal Fa`a?

  • Yoo danda`ame Manaa bahuu dhabuu.
  • Meeshaalee yeroo qabbanaatiif barbaachisan kanniin akka Uffata Oowwaa, Chaarjerii Bilbilaa, bishaan, nyaataa fi ifaa harkaatis hunda qabatanii socho`uu.
  • Odeeyfanoo Haala qilleensaatiin walqabate yeroo yerotti argachuudhaaf miidiyaawwan kutaa Minisootaa hunda hordofuun eeggachuu.
  • 511 irratti bilbiluun odeeyfannoo argachuu.
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

1 thought on “𝐇𝐚𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐐𝐢𝐥𝐥𝐞𝐞𝐧𝐬𝐚 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐢𝐧𝐢𝐬𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐒𝐚𝐝𝐢𝐢𝐟 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐝𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐉𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞.”

Comments are closed.

Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu