KONKOLAATAAN KEESSAN AKKA ISIN JALAA HIN FE`AMNE

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Bulchiinsi kutaa magaalaa Miniyaappolis hardha galgala, jechuun Ammajjii 26,2023 irraa jalqabee seera daangeffama dhaabbii konkolaataa hojii irra waan oolchuuf of eeggannoo godhuu akka hin daganne. daangeffamni kun galgala sa`aatii 9pm tti hojii irra ooluu kan jalqabu yoo ta`u, sababni guddaan konkolaataa yeroo muddamsuu (Emergency) tiif karaa banuuf akka ta`es himamee jira.

Akka bulchiinsi magaalaa kun jedhutti yeroo waqtii cabbii kanatti karaaleen magaalaa keessaa waan dhiphataniif, konkolaattota yeroo muddamsuu, Awutoobaasii fi konkolaattota dhuunfaa ummataatiif karaan akka banaa tahuuf jecha, murtii kana dabarsuu dubbata.sa`aatii 9pm irraa jalqabee iddoo suuraa armaan gadii kana irratti diimaan irra kaahame irratti konkolaataa dhaabuun dhoorkaadha.

Odeeyfannoowwan magaalaa Miniyaappolis irraa gadi isiniif lakkifaman karaa salphaadhaan argachuu yoo barbaaddan immoo gama website magaalaa deemtanii argachuu ni dandeettan. gargaarsa gara garaa yoo barbaaddan immoo lakkoofsa 311 irratti bilbiluun argachuu ni dandeettu. https://www.minneapolismn.gov/getting-around/snow/winter-parking-restrictions/

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu