Aanaa Abunaa Gindabaratitti Abbaafi ilmi bakka tokkotti ajjeefamuun dhagahame.
Bitotteessa, 9/2022 Godina Shawaa lixaatti Abbaa Qabeenya beekkamaa Joonsee Biqilaafi ilma isaa Qannoo Joonsee jedhamu iddoo tokkotti Magaala Qalaaxee keessatti ajjeefamuu maddeen Oromia 11 gabaasan.
Obboo Joonsee Biqilaa Jiraataa Magaalaa Kaachisiifi Hoteela hojjachisaa jiraachus kan nuuf himu jiraatan Oromia11 odeeffate badiidhuma tokko malee qabamee Waajira poolisaa turuu hima.
Obboo Joonseen Mana hidhaa kanaa baasanii Ilma isaa kan isaan gaafachuu dhufe Wajjiin Waajira poolisa Aanaa Ginda Barat irraa gara magaalaa Abuna Ginda Barata Magaalaa Qalaaxeetti ajjeefamuu himan.
Akka Namni nuuti Odeeffanne kun himanitti Obboo Joonseen Nama rakkataa gargaaruun beekkamuufi Abbaa Hiyyeessa kana Xiinsammuu Uummataa miidhuufi tarkaanfii kana irratti fudhachuu dubbatee jira.
Godinichattii Aanaalee kanniin keessatti ajjeechaan Walfakkaataan Hedduun raawwatamaa akka ture Oromia11 jiraattota Wabeeffachuun isinii gabaasaa turuun niyaadatamaa.

1 thought on “Aanaa Abunaa Gindabaratitti Abbaafi ilmi bakka tokkotti ajjeefamuun dhagahame.”
TESTING GADAA
Comments are closed.