Daba Seenaa Oromoo Yunivarsiitii Jimmaa Keessatti Raawwatame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Dachii Oromiyaa,madda beekkumsaa yuunivarsiitii Jimmaa lafaa fi lafee abbaa Jifaar irratti ijaarame keessatti dabni seenaa hangana gahu yeroo raawwatamu qaamni arge hin turre.qaamni yeroo haqni seenaa ummata Oromoo xureeffamuu fi xiqqaatu abbaa kanaa jedhe hin turre.

Yuunivarsiitii guddicha biyyattiin qabdu keessaa ijoo kan ta`e Yuunivarsiitiin Jimmaa qe`ee ofii keessatti qalama alagaatiin yeroo dhahamutti godaannisa qaama isaa irra jiru osoo inni ofirratti hin argin, eeruu hawaasni isaa taasiseen turee ofirratti baruu danda`ee jira. Madaan Yuunivarsiitichatti muldhachuu dadhabe godaannisa seenaa dhalootatti muldhatu kan alagaan meekaappii dibuudhaan bira dabruuf dhagaa danda`u hunda buqqisaa jiruuti.

YUUNIVARSIITII JIMMAATTI MAALTU MUDATE?

Moojuulli barattoota dippaartimantii Sociology, kan Kolleejjii Social Science And Humanities keessatti bara kana barataa jiraniif qopheeffamee qoodame, seenaa Oromootaa kan saamee fi Ummata Oromoo baldhaa mana isaa keessatti kan ajjeese. Moojuuliin barattoota damee Sociology tiif qopheeffame kun fuula 48-49 irratti waa`ee keessummummaa ummata oromootii fi abbaa irrummaatiin babaldhachuu ummata Oromoo dubbata.

Akka qabiyyee moojuulii kanaatti Ummanni oromoodhaa “Qe`een ummata Oromoo Gammoojjii gara Kibbaa kan ture yoo ta`u, sababa godaansaatiin gara giddu galaa fi lixa biyyattiitti ol siqaa dhufe. lafti inni irra qubate kun immoo duraan kan ummata Amaaraati jedha.

Akka ibsa Moojuulii kanaatti godinaaleen Wallaggaa Afran,Godinaaleen Shawaa Shananii fi Arsiin hundi lafa Ummata Amaaraa irraa humnaan fudhatame jechuudha. ibsi moojuulicha kana qofatti hin gabaabanne, “sirni Gadaa mirga dubartootaa waan hin kabajneef dimokiraasii ammayyaa irraa baayyee fagoodha, inumaayyuu sirna abbaa lafaa Tigree fi Amaaratu irra bu`uura Dimokraasii qaba.” jechuun sirna gadaa addunyaan hawaasa Oromoo irraa fudhattee jiruu fi jireenya ofii ittiin faayatte xiqqeessuun arrabsa.

Moojuulli kun kan kennamaa jiru barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti baratan qofaafii miti. barattoota Dippaartimantii Sooshiyooloojii guutuu biyyattii keessatti barataniif kennama. kana jechuun immoo kitaabni hayyoota ilaalcha moofaa durii qaban, hayyoota saba Amaaraatiin Naannoo Amaaraa Yuunivarsiitii Gondar keessatti qophaa`e kun dhaloota biyyattii hundaaf bittinneeffamee kennama jechuudha. dhaloonni saboota gara garaa ta`anii fi dhaloonni sabaan Oromoo ta`anis seenaa xuraa`aa isaaniif qopheeffame akka summiittis lubbuu isaanii kan balleessu ta`us taa`anii baratan jechuudha.

MOOJUULIIN KUN MIIDHAA AKKAM UMMATA OROMOOTIIF QABA?

Moojuulii seenaa ummata Oromoo xureessuun qophaa`e kana irratti Sirni gadaa Oromoo (Geda System) kan addunyaan barnoota dimokraasii fi walqixxummaa irraa barattee ittiin bulaa jirtu xureessa, sirna sabdaneessummaa kan ta`e sirna federaalizimii balaaleffachuun barsiisa. kana daran immoo rakkoo woraanaa ammaan tana biyyattii keessatti deemaa jiru daran hammeessa. namni Moojuulii kana ijaan arge sababa ammaan tana duulli ummata Oromoo irratti godhamaa jiruuf hubata.

Moojuulicha Eenyutu Qopheesse? Eessatti Qophaa`e?

Akka odeeyfannoon barattootaa fi keessa beektota tokko tokko irraa bahaa jiran agarsiisanitti Moojuuliin kun Yuunivarsiitii Goondar keessatti hayyoota Amaaraatiin qopheeffame. Ijoolleen Oromoo gaafa Moojuuliin qophaa`ee dhiheeffamu Yuunivarsiiticha keessa turan yeroo sanitti dhimma kana mormanii walgahichas dhiisanii kan bahan tahuu himamaa jira. Moojuuliin kun iddoon itti qopheeffame Naannoo Amaaraatti yoo ta`u, barreessaan Moojuulii kanaa Obbo Bisraat Tesfaa (MA) Yunivarsiitii Jimmaatti gargaaraa Pirofeeraati. namni gargaaree gulaale immoo Dr.Guddinaa Abeshulaa (Associate Professor) dha.

Suuraa Maqaa Barreessaa fi Gulaalaa Moojuulichaa Agarsiisu

Gaafii Fi Komii Moojuulii Kana Irratti Hawaasni Oromoo Gaafateef Yuunivarsiitiin Jimmaa Deebii Maal Jedhu Deebise?

Erga moojuuliin kun ilmaan Oromootiin gama marsaalee hawaasummaatiin qoqqoodamanii booda, hayyoonnii fi namoonni dhageettii qaban tokko tokko kallattimaan dhimma kana irratti Yuunivarsiitiin Jimmaa deebii hatattamaa akka kennuuf gaafataa turan. Namoota kanniin keessaa tokko kan ta`e ogeessa ICT kan ta`e Obbo Abdiisaa Baanchaati.

Bulchiinsi Yuunivarsiitii Jimmaa gaafii hawaasa baldhaa irraa isaaf dhihaate dhageeffates dhimma kana iratti murtii hatattamaa fudhachuu isaa ifa godhee jira. murtii kanaanis hawaasa Oromoo biraa galata guddaa akka qabu hawaasni ibsataa jira.

Tarkaanfii Atattamaa Barruu Dogoggoraa/ Seer-maleessa waa’ee Oromoo irratti barraa’e ilaalchisuun fudhatame!

I/ Aanaa Perezdaantii Dhimmoota Akkaadaamiitiif
Yuunivarsiitii Jimmaa

Dhiimi isaa:- Tarkaanfiin Sirreeffamaa Ariifachiisaan Akka Fudhatamu beeksisuu ta’a. jechuun xalayaan kun barraa`e. qabiyyee xalayichaa guutuu isaa immoo armaan gaditti argattu.

Yuunivarsiitii Jimmaatti Sagantaa barnoota fagoo Muummee Sooshiyoolojiitiin kennamuun moojuula gosa barnootaa ‘Sociology of Ethiopian Societies’ jedhamuuf barattootaaf qophaa’e irratti dhimma seenaa ummata Oromootiin walqabatee ibsi kenname dogoggoraafi seer-maleessa waan ta’eef murteewwan armaan gadii akka fudhataman isin beeksisa.

1ffaa– Moojuula sagantaa barnoota fagoo raabsame irratti yaadnii fi ibsi dogoggoraa fi seeraan alaa kenname, kan ejjennoo Yuunivarsiitii Jimmaa hin ibsine tahuun hubatamee sirreeffamni atattamaa akka taasifamu

2ffaa– Moojuula sagantaa Barnoota fagoof raabsame irratti Ibsi dhiyaate kan ummataa fi ummata walitti buusuu fi seera bilisummaa akkaadamii Dhaabbata Barnoota Olaanoo garmalee fayyadamuun kan barraa’e waan ta’eef, moojuulichi akka hin baayyifamne , barattootaaf kan raabsames akka sassaabamu godhamee atattamaan akka dhabamsiifamu.

3ffaa- Qaamonni hojii kana keessatti hirmaatan keessattuu barreessaafi gulaalaan moojuulichaa guyyaa har’aa Fulbaana 12 bara 2015 irraa kaasuun hojiirraa akka dhaabsifamanii seera Yuunivarsiitichaatiin dhimmichi koree namuusaaf dhiyaatee atattamaan murtiin akka itti kennamu.

4ffaa- Rakkoon akkanaa irra deebiin akka hin mudanneef kitaabota barnootaa Yuunivarsiitichaa hunda irratti xiinxalli gadifagoon akka taasifamu.

5ffaa- Murtiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatame ummataaf ifa akka godhamu akeekkachiisaa gara fuulduraatti xalayaan dhiifamaa marsariitii Yuunivarsiitichaafi toora miidiyaalee hawaasaa hunda irratti akka maxxanfamu cimseen isin akeekkachiisa.

See less

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu