Qophii Jala Bultii Fi Irreecha Washington,DC.USA

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Sirni kabaja Ayyaana irreechaa magaalaa guddittii USA kan taate Washington,D.C tti bara
Sirni kabaja Ayyaana irreechaa magaalaa guddittii USA kan

Qophiin ayyaana Irreechaa hawaasa oromoo Washington, D.C, USA tti argamuun bara baraan dhihaatu,bara kanas guyyaan itti gaggeeffamu beekkamee jira. irreechi bara kanaa Onkoloolessa 2,2022tti kan kabajamu ta`uu beekkamee jira.

Sirni kabaja Ayyaana irreechaa magaalaa guddittii USA kan taate Washington,D.C tti bara baraan kabajamu, ayyaana aadaa Oromoo ummanni Oromoo biyya alaa jiraatu haala addaatiin irratti hirmaachuun kabaju.

Guyyaa Jala Bultii Ayyaana Irreecha Bara Kanaa Irratti DC tti Maaltu Qophaa`ee Jira?

Ayyaanni irreechaa yeroo dhihaatutti guyyaan jala bultii ayyaana kanaatis qophiilee gara garaatiin faayama. qophiilee kanniin keessaa walitti dhufeeenya ilmaan Oromoo, Walgahii fi Konsartiiwwan bashannanaa gara garaattu qopheeffama. bara kanas Washington, D.C tti wanti qopheeffamaa jiru waanuma kana. guyyaa jala bultii ayyaana Irreechaa Onkoloolessa 1,2022tti hawaasni magaalaa DC cidha gurguddaa lama keessummeessuuf qophii hunda xumuratanii jiran. Qophiin jalqabaa Konfiransii ABO/WBO gaggeeffatu yoo ta`u, Konfiransii kana irratti Ajajaan waraana Bilisummaa Oromoo Jaal Marroo Dirribaa dabalatee hooggantoonni akka Jaal Gammachuu Abbooyyee( Itti aanaa Ajajaa WBO waliigalaa), Jaal Sanyii Nagaasaa (Ajajaa WBO giddu galaa), Jaal Sabaa`if Galgaloo (Ajajaa WBO Kibba Bahaa) fi kanniin birootis affeeramanii jiru.

WANTI ADDAA QOPHAA`E MAALTU JIRA?

Guyyaa jala bultii ayyaana irreechaatiif sagantaa qopheeffaman keessaa wanti addaa qophii konsartii Artistoonni gameeyyii fi qabsaa`onni Oromoo irratti hirmaatan. guyyaa jala bultii kanatti konfiransiin sa`aatii 10Am-4Pm tti kan gaggeeffamuu fi saganataan Konsartii gargaarsa galii WBO`f walitti qabuu immoo galgala sa`aatii 9Pm tti kan jalqabu ta`uu koreen qindeessituu sagantichaa addeessanii jiru. qophii konsartii kana irratti artistoonni akka Artist Muktaar Usmaan Sheekaa,Daawwitee Mokonnin, Abdii Nuuresaa fi Artist Yaaneet Dinquu kan argaman ta`uunis beekkamee jira.

Hubachiisa:- Sagantaa kana kan qindeessaa jiru Koree TaskForce fi Tumsa WBO qindoominaan ta`uun isaanii beekkamee jira.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu