Oromiyaati dhibeen garaa kaasaa bifa weeraraatiin ka’ee,

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Oromia 11: Bitootessa 1/2022Dhibeen garaa kaasaa bifa weeraraatiin ka’ee, namoota hedduu irraan rakkoo hammataa geessisaa jira jechuun jiraattotni godina Gujii, Gujii Lixaa fi Booranaa Addis standarditti himan. Bishaan Bootteedhaan dhiyaatu qulqulleessuuf hanqina keemikaala fi qorichaa muudateen hawaasni dhibee garaa kaasaaf saaxilamuu dubbatu aanga’ootni mootummaa. Hongeen Itoophiyaa gara namoota miliyoona 7 beelaaf saaxile, godinaaleen Guujii fi Booranaa keessatii daran hammatee uummata godinicha hanqina nyaataa fi bishaanitiif saaxilee jira. Hongee kana hordofee rakkoon gama fayyaatiin dhufu keessumaa, weerarri fayyaa hawasichaa rakkoo keessa galchu akka hin muudanneef, Ministeerri Fayyaa fi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa, waajjiraalee naannolee waliin ta’uun qorannoo ariifachiisaa gaggeessuudhan deebii kennuu irratti hojataa jiraa jedhe Ministeerri Fayyaa. Jiraataan Godina Gujii Magaalaa Nageelle Boraanaa, Boruu Dullachaa akka jedhutti maatiin isaa afur dhukkuba garaa kaasaan dhibamanii wal’aansarra jiru. “Gujii keessatti rakkoon hongeen geessifte kan lakkofsa qabuu miti, hamma hanga lubbu keenyatti ga’eera. Deeggarsi qaama dhimmi ilaallatu biraa dhabamuun ammoo caalatti rakkoo hammeessa jira” jedha jechuun Addis Standard gabaasee jira.Akka Boruun jedhutti, balfi beeladoota dhumanii dirree irratti hafee foolii badaa fi faalama bishaanii uumuun rakkoo fayyaa hammataaf jirattota saaxileera. “Bootteen asiin dura bishaan deddeebisaa turellee rakkoo nageenyaaf jedhee hojicha adda kutera. Bakkawwaan heddutti konkolaataanis ta’ee baajaajiin hin socho’u. Namni yoo dhukkubichaan qabamu gaarii harreetiin fe’amee gara dhaabbilee fayyaatti geeffamaa jira. Gujii keessatti dhimma fayyaa namni quba qabu hin jiru, iyyannee deebi dhabne” jedha.Itti dabaluunis, “Gandoota baadiyyaa keessatti namuu kan rakkatuu bishanuma argate dhuga, silaa waantootni bishaan ittin qulqulleessan jiraatee hanga kana miidhaaf hin saaxilamnu. Amma namni guyyuma guyyaan mana yaalatti guuramaa jira. Keessumaa daa’imman hedduun dhukkuaba kanaaf saaxilamaniiru, waan kana irratti furmaata hatattamaa barbaanna” jedhee Addis Standard’tti hime .

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

2 thoughts on “Oromiyaati dhibeen garaa kaasaa bifa weeraraatiin ka’ee,”

Comments are closed.

Picture of oromia11

oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu