Waajjirri TV Hamiltan Kan Sabbataa, Oromiyatti Argamu Cufame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Dhaabbanni Televizhiinii Hamiltan yookiin Hamiltan TV jedhamuudhaan beekkamu, dhaabbata hawaasa Oromoo Muslimaa karaa foddaa TV tiin dhimmoota amantii fi hawaasummaa barsiisuudhaan kan beekkamu yoo ta`u, ganama hardhaa Fulbaana 15,2022tti Waajjirri isaa kan godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee magaalaa Sabbataatti argamu bulchiinsa magaalaa Sabbataatiin cufamuun isaa gabaafame.

CUFAMUU ISTUUDIYOO KANA IRRATTI USTAAZ RAAYYAA ABBAA MACCAA MAAL JEDHAN?

Istuudiyoon Hamiltan cufamuun isaa erga dhagahamee booda, hojjattoonni dhaabbatichaa,hooggantoonnii fi miseensonni hawaasaa gara garaatis odeeyfannoo kana karaalee gara garaatiin waliif qoqqoodaa jiraachuun isaanii dhagahamee jira. hundeessitoota dhaabbata miidiyaa kanaa keessaa tokko kan ta`anii fi hawaasa Oromoo biratti kabaja guddaa kan horatan Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, gama fuula FaceBook isaaniitiin barreeffama armaan gadii kana maxxansanii jiru.

Suuraa Istuudiyoo Cufame Agarsiisu.

“Tv Hamiltan cufame.

Sagalee hawaasa muslimaa kan ture Tv Hamiltan osoo hayyama Feelderaalaa haaromfamee jiru qabnuu bulchiinsi sabbataa ganama kana hojjattoota gadi baasee meeshaalee guutuu waliin Danqaree (ashagee) deeme. Sababasaa bullee barragaa.” Raayyaa Abbaa Maccaa.

Akka bulchiinsii fi hojjattoonni dhaabbatichaa jedhanitti, dhaabbatichi hayyama isaa kan haaromsiifatee qabuu fi ulaagaa miidiyaa irraa eeggamu kan guuttatee qabu yoo ta`u, sababni bulchiinsi magaalaa Sabbataa waajjira TV Hamiltan cufsiiseef ifa ta`uu dhabuu dubbatan.

Suuraa Waraqaa Hayyama Daldalaa Agarsiisu

Daarektara dhaabbata kanaa kan ta`e Dr.Muhammad Saalih gama isaatiin, fuula FaceBook isaa irratti ” Dhaabbanni Tv Hamiltan eeyyama guutuu kan qabu yoo ta`u, Woggoottan afran darbaniif hawaasa muslimaa tajaajila jira.akka biyyattii guutuu keessatti bilisaan hojjachuu dandahu mootummaan federaalaa hayyama seera qabeessa kenneefii jira. Haa ta`u malee waajjirri Bulchiinsa magaalaa sabbataa guyyaa hardhaa hubachiisaa fi akeekkachiisa tokkoon maletti hojjatootaa keenya Istuudiyoo keessaa baasanii hulaa nutti cufee deemee jira.sababa maaliif akka ta,es nuuf hin gale. Odeeffannoo haarawan wolitti deebina.” jechuun barruudhaan hawaasaaf ibsee jira.

Gama bulchiinsa magaalaa Sabbaataati bilbiluun odeeyfannoo kana qulqulleeffachuuf yaalii taasifnus milkaa`uu hin dandeenye.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu