Fartuun Abdulqaadir Waaqoo Guutuu Dorgommii Qur`aanaa USA tti Gaggeeffame Moo`atte.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Waldorgommii Qur`aanaa Ardii Ameerikaa Kaabaa kutaa Magaalaa Minnesotatti bara kana gaggeeffame irratti intalti ilma Jeneraal Waaqoo Guutuu, Fartuun Abdulqaadir dubartoota keessaa tokkoffaa bahuudhaan badhaasa Konkolaataa Toyota Highlander jedhamu kan gatiin isaa doolaara Ameerikaa $46,000 ta`uu fi badhaasa Umraa bilisaan dhaquu argattee jirti.

Fartuun Abdulqaaadir Waaqoo Guutuu
Konkolaataa Shamarree Fartuun Badhaafamte (Toyota,Haaylaander)

Ameerikaa Kaabaa Keessatti dhaabbanni Imaam Shaaxibii waggaa waggaadhaan dorgommii Qur`aanaa kan gaggeessu yoo ta`u, dorgommii bara kanaa Adoolessa 29- Hagayya 7/2022tti gaggeessaa ture. dorgommii kana irrattis dhalattuun sanyii Gootaa Jeneraal Waaqoo Guutuu taate, shamarree Fartuun Abdulqaadir Waaqoo Guutuu dubartoota keessaa tokkoffaa bahuudhaan, seenaa haaraa galmeessisuudhaan hidda irraa daraartee fi Muslimtoota Itoophiyaatittis Kabajaa guddaa gootee jirti.

Jeneraal Waaqoo Guutuu/ Akaakayyuu Fartuun

Jeneraal Waaqoo guutuu Goota Baddaa Baalee, Goota Ija barbadaa yoo ta`an, nama wayaa ulfinaa guddaa hawaasa Oromoo irra qabaa turan. Goota,Hayyuu fi fakkeenya eenyummaa sabaa fi amantii turan. Gootummaa Waraana keessaa qofaan osoo hin taane waraana wollaalummaa irratti godhamuunis ni beekkamu. kanaaf,

Gabrummaa Hiddaan Buqqifna.Dadhabnu ilmaan itti guddifna jedhanii gara ganda irraa hin hafne saniitti godaanan.

Dorgommii qur`aanaa godhame kana irratti shamarree Fartuun mallattoo eenyummaa isii agarsiisu harkatti godhattee badhaasicha fudhachuuf kan dhihaate yoo ta`u, badhaasa kana irratti haati isiitis argamtee jirti.

Yeroo dhihoo asitti hawaasni Oromoodhaa biyyoota gara garaa keessa faffaca`ee argamu, barnoota idilee fi amantiitiin, hirmaannaa siyaasaa fi qabeenya horachuudhaanis sadarkaan isaa dabalaa dhufaa jira. kanaaf immoo gaheen haawwotaa guddaadha.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

1 thought on “Fartuun Abdulqaadir Waaqoo Guutuu Dorgommii Qur`aanaa USA tti Gaggeeffame Moo`atte.”

Comments are closed.

Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu