Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa USA, Ambaasaaddar Maayik Hamer Itti Aanaa Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnon Wajjiin Mari`atan. Gaanfa Afrikaatti ergamaan Addaa Mootummaa Ameerikaa haarofni Ambaasaaddar Maayik Hamer, dhimma marii nageenyaa fi gargaarsa namoomaa irratti mari`achuudhaaf Adoolessa 29,2022tti Finfinnee Seenuun isaa ni yaadatama.
Ergamaan addaa kunis guyyaa hardhaa Adoolessa 30,2022tti Itti aanaa Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin wajjiin wal arganii, marii nageenyaa jalqabamee jiruu fi gargaarsa namoomaa irratti mari`achuu isaanii Imbaasiin Ameerikaa Finfinnetti argamu ibsee jira.
Muummichi ministeeraa Itoophiyaa Dr Abiy Ahmed dhiheenya kana marii gurguddaa hooggantoonni olaanoon biyyoota USA, Raashiyaa fi Chaayinaa irraa Itoophiyaa seenan irratti kan hin argamne ta`uu fi Dhukkubsatanii Biyya Turkiitti Yaalamaa jiraachuu isaanii Odeeyfannoowwan tokko tokko dhagahamaa jiru.
IMBAASIIN USA FINFINNETTI ARGAMU MAAL JEDHE?
Imbaasichi akka fuula twitter isaa irratti barreessetti ergamaan addaa kunii fi Obbo Dammaqaa Mokonnin dhimmoota ijoo akka gargaarsi namoomaa iddoo barbaadamutti seeraan akka dhaqqabu gochuu, kabaja mirgoota namoomaa, marii siyaasaa waldhabbii xumuruu fi nageenya waaraa fidu irratti mari`atanii jiru.Imbaasichi akka Ibsetti ergamaan addaa kun dhimma hidha guddichaa Itoophiyaa (GERD) fi Projektii guddicha laga Blue Nile irra deebiin kaasanii ilaalanii jiru.
WARAANA KAABAATII FI GODAANNISA ISAA
Sadaasa 04,2020tti waraanni hamaan walakkaa Mootummaa biyyoolessaa Itoophiyaa fi Mootummaa Naannoo Tigraay jiddutti kan jalqabame yoo ta`u, sababa waraana kanaatiin lubbuun nagahaa kumaatamatti lakkaa`amu akka baala mukaatti yoo harca`u, qabeenyi biliyoonotatti lakkaa`amu daaraa ta`ee jira. Waraanni kun yeroo gabaabaa keessatti ni xumurama jedhamee yaadamus osoo hin xumuramin hafee ture. Haa ta`u malee, waraana waggaa tokkoo fi walakkaa oliif tureen gaaga`amni namoomaa hedduun dhaqqabee jira. Godaannisni waraanaa Kaaba biyyattiitti jalqabe ammas gara naannolee gara garaatti babaldhataa jira.
Yeroo dhihoo as garuu dhiibbaa biyyoota gurguddaa addunyaa irraa kan ka`e gama mootummaa biyyoolessaatii fedhiin marii nageenyaa muldhatee jira. Marii nageenyaatiif qaamoleen waldhaban lamaan fedhii qabaachuu isaanii haa muldhisan malee, qama jidduu isaaniitti marii kana gaggeessu irratti walii galuu hin dandeenye. Mootummaan biyyoolessaa Dr Abiy Ahmediin hoogganamu Gamtaan Afrikaa akka marii kana gaggeessu yoo barbaadu, Mootummaan Naannoo Tigraay immoo biyya olla kan taate Keenyaan akka marii kana gaggeessitu barbaada.
Gorsaan Nageenya biyyoolessaa Dr Abiy Ahmed Obbo Ridwaan Huseen turban kana keessa gama twitter isaatiin “Mootummaan Itoophiyaa yeroo fi bakka kamittuu taanaan haalduree tokkoon maletti haasa`uudhaaf qophiidha.” Jechuun barreessee jira.
Gama biraatiin immoo odeeyfannoon TV Tigraay wobeeffachuudhaan gabaafame akka agarsiisutti prazadaantiin mootummaa Naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon Gabra Mikaa`el “Mariin osoo hin jalqabin dura tajaajiloonni barbaachisoo ta`an gadi dhiifamuu qabu.” Jechuun dubbatee jira.
Gabaasni UN irraa bahe akka agarsiisutti, Naannoo Tigraay,Affaarii fi Amaaraa keessatti namoonni miliyoona 13 ta`an gargaarsa nyaataa fi namoomaa hatattamaa barbaadan.dabalataanis Tigraay Keessa qofa nyaanni, boba`aan, elektirikii, Tajaajilli bilbilaa fi Baankiiwwanii kan hin jirre ta`uu gabaasni kun muldhisa.
Ergamaan Addaa kun guyyaa Jimaataa Adoolessa 29,2022tti biyya Masriitti turtii kan taasise yoo ta`u, turtii isaa kana irrattis “Nuti adeemsa dippiloomaasii gama gamtaa Afrikaatiin nageenya lammiilee gama hundaa mirkaneessuu fi walii galtee irra gahuudhaaf jecha godhamaa jiru ni deeggarra.” Jechuun dubbatee ture.
HIDHA ABBAYYAA IRRATTI MASRI HOO MAAL JETTI?
Masri immoo gama isiitiin Itoophiyaan hidha Laga Abbayyaa bishaan marsaa sadaffaa walii galtee biyyoota sadaniitiin alatti akka hin guunne jechuudhaan xalayaa mormii mana maree nageenya Mootummoota gamtoomaniitti galchuu isii dubbattee jirti.
Hidhni doolaarri Miliyoonota hedduun itti dhangalaafamee hojjatamaa jiru kun, Afrikaa keessaa hidha guddicha humna elektirikaa maddisiisu jedhamus, bara 2011 yeroo ijaarsi isaa jalqabe irraa kaasee hanga ammaatti sababa wal dhabbii biyyoota ollaa sadan Itoophiyaa, Suudaanii fi Masri ta`ee jira.