Godina Harargee Bahaa Magalaa Awwaaday Keessatti Dararaa Fi Hidhaan Waraana Mootummaan Rawwatamu Cimuu Jiraattonni Himatan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Godina Harargee Bahaa Magalaa Awwaaday keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin Hariiroo qabdan jedhuun hawwaasni nagayaa akka malee hiraarfamaa jiraachuu jiraataan naannichaa dubbisne Oromia11’tti himan.

Namoota hojiif sosso’an hunda karaa gubaatti dhabuun waraaqa enyuummaa keessan fidaa jechuun rakkisaa jiraachuu fi namoonni kunneen waraaqa eenyummaa isaanii itti agarsiisanis nagayaan akka hin gaggeefamne himame.

Magaalaa daldalaan hoowwituu taate Awwadaay keessatti galgala sa’aa takka boodaa namni dhimma kamiifuu iddoo jiru irraa socha’ee karaa gubaatti argamnaan qabaamuun ati WBO waliin hidhata qabda jechuun hidhuu fi qabeenya isaanii irraa saamuun waraana mootummaan rawwatamaa jiraachuu himan

Akkuuma beekaamu magaalaan Awwaaday magaalaa daldalli isii sa’aa 24 addaan hin dhabbane kan jedhu maddi keenya kun garuu hidhattoonni mootuumma maqaa eeguumsaatiin achi qubsiifame dhiibbaa cimaa daldaltootaafi dafqaan bultoota irratti gessisaa jiraachuus ibsan

Kanaa malees sochiin konkolaataa galgala sa’aa 1 booda waan hin hayyamamneef hawaasni rakkoo geejjibaa hamaaf saaxilamuufi qonnaan bulaan oomisha isaa gabaa geessuufi erga gurguratees qe’eetti deebi’uuf rakkachuu hima. Darbees magaalatti seenanii bahuun qormaata cimaa ta’uu addeesse maddi oromia11 kun.

Rakkinni kun Ummata irratti dhiibbaa cimaa waan qabuuf qamoolee dhimmi kun ilaallatu bira deemuun jiraattonni furmaata yeroo gafaatan halkan Waraanni Bilisummaa Oromoo ummata waliin walitti maakamee waan deemuuf dhorkaa kana keenye deebii jedhu akka kennaniinif himame.

Magaalaa Awwaaday fi badiyyaa naannawa magaalattii hunda keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo WBO waliin hidhata qabdan jedhuun sabboontonni fi namoonni hawaasa keeysatti dhageettii qaban hedduun ajjeefamuun, hedduun murtii tokko malee mana hidhaa adda addaa keessatti hirarfamaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Rakkinni ulfaataan kun waggootaf lammiilee nagayaa irratti rawwatamaa jiraachuu fi ergaa labsiin riphee loltoota balleessuu jedhu guutuu Oromiyaa irratti labsee kaasee sarbamni mirga namoomaa naannicha keessatti cimaa jiraachuu himan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu