Jiraataan Oromia11 achii odeeffate akka jedhutti yoo xiqqate hanga ammaatti namni Saddeeti (8) awwaalcha Shanee irratti argamtan sababa jechuun hidhamanii jiraachuu addeesse.
Lolaa guyyaa dheengaddaa humnoonni mootummaa lammiilee nagaa irratti bananiin namoonni lama kan ajjeefaman yoo ta’uu namni tokko immoo madaa’u oduu keenya guyyaa kaleessaa keessatti gabaasuun keenya ni yaadatama.
Namoota lamaan ajjeefaman keessaa namni tokko haadha maatii ta’uu kan himu jiraataan dubbisne kun badii tokko malee WBO nyaachiiftee obaasaa jirta jachuun akka ajjeesan hime.
Hidhaattooni mootummaa kunneen maqaa WBO balleessuu jedhuun kan dhufan ta’us kaneen isaan dhukaasa irratti banan ummata nagayaa harkaa qullaa jiru ta’uu himu maddeen.
Waraanni Hawaasa Nagaa gaaga’aa jiru kun Walta’iinsa Humna Addaa Naannoo Amaaraafi Faannoo akkasumas Poolisoota idilee dabalatee akka ta’e himame.
Guyyaa kaleessaa Waxabajjii 30-2022 immoo ajjeechaa dubartii Aanaa Baatee Ganda Qilaaxee Gara Waayyuutti raawwate hordofee jiraattota naannichaa kan awwalcha irratti hirmaatanis guuramanii hidhamuu hima maddi keenya.
Namootni hidhaman kunniin eeessa akka geeffaman hin beeknu kan jedhu jiraaataan kun Lolaafii weerara sabummaa irratti xiyyeeffatettu nurratti raawwataa jira jedha.
Namoottan hidhamaniifi ajjeefaman kunniin maqaan itti moggaasanii Shanee deeggartan, Shanee uf keessaa baasaa sababa jedhu ta’uu kan himu jiraataan kun sababni 2ffaan immoo dhiyeenya Ganda Jaldeettiitti WBO’n waraana mootummaa irraa meeshaan woranaa waan hiikameef WBO mit isintu fudhate jechuu nama argan hundaa hidhuufii dararuu cimsan jedha.
Dabalataaniis waraanni mootummaa kuni ummata dirqamaan walitti guuruun Shanee balleesauu qabna jedhee gandeen hundaa irratti buufatee jiraachuu hima.