Maddi keenyaa garasii odeeffanne akka nuuf ibsetti Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraa Ganda Raachoo keessatti lolaa guyyaa dheengaddaa irraa eegalee gaggeeffaamaa akka jiru eeruun, lola kana keessatti hidhattoonni Faannoo Amaaraa Hidhattootaa Mootummaa waliin tahuun akka qodaa fudhatan himee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo qabsoo ummata isaaf jacha yeroo garagaraatti lola gaggeessaa ture kan jedhu maddi odeeffanne kun ammallee kutannoo fi humna qabuu hundaan lola gaggeessa jiraachuu ibse.
Bifuma kanaan lola guyyaa kaleessaa gaggeefameen waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Jiddu Galaa milkii guddaa gonfachuu fi hidhattoota mootummaa ajjeefamaniifi booji’aman cinaatti meeshaalee waraana hedduu to’achuu himan. Qawwee Kilaashii 50, Isnaayparii 1 dabalatee meeshaalee garaa garaa hedduu booji’uun galii qabsoof olchuus kasan.
Lola kana irratti adda dureedhaan kanneen hirmaatan Humna Addaa Poolisii Oromiyaa fi hidhaattoota Faannoo Amaaraa tahuu kasuun, miseensonni Faannoo Amaaraa 4 booji’amanii harka isaanii jiraachuu himan.
Dhimma Nageenya Naannoo Oromiyaa wajjiin wal qabaatee Piredaantiin Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Obboo Shimallis Abdiisaa Rakkoo Nyageenyaa Naannoo Oromiyaa keessatti mul’achaa jiruuf furmaata keessoo barbaaduu dhiisuun naannoo ollaa affeeruun qeeqa kaase jira
Obboo Shimallis guyyaa kaleessaa Pirezdaantii Naannoo Amaaraa wajjiin Magaalaa Bahir Daritti ibsa kan laatan yoo ta’u rakkoo waldiddaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qaban kasuun duula waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu labsamee irratti hidhaattoonni Naannoo Amaaraa qodaa akka fudhataan affeeruun himamee jira.
karaa nagaayan naannichatti tasgabbii fiduun osoo danda’amu lola haaraaya dhalchuuf tumsa ollaa gaafachuuf deemuun badii guddaadha jechuun namoonni hedduun karaa miidiyaa hawwaasummaan qeeqa kaasaa jiran.
Gamaa biraatiin mootummaan kasaaraa lola guyyaa kaleessaa kanaan akka malee waan dallaneef waraana hedduu nanniichatti bobbaasuun ummata nagayaa irratti haaloo bahaa akka jiru himan.
Lola waraana Bilisummaa Oromoo fi Waraana Mootuumma jidutti deemaa jiru kana dheessuun ummanni hedduun naannicha gad dhiisuun dhiheenya magaalatti baqachaa jiraachuu eeruudhaan lammiilee dheefa waraanaaf baqatan kanas dararaa akka jiran himu maddeen.
Lammiileen hedduu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhaata qabdan, WBO deggaraa jirtan jedhuun ajjeefamaa. Hidhamaa, qabeenyi isaanii jalaa samaamaa, manneen isaanii ibiddaan jalaa barbada’aa jiraachuus himanii jiru.
Anootni Baadiyyaa hedduun too’annoo WBO jala kan jiran yoo tahu mootummaan Waraana isaa magalaa dhiheenya Baadiiya kanaa qubsiisuun ummata siyaasaa kamuu keessa qooda hin qabne rakkisaa jiraachuun ibsaame jira.