Waraanni Mootummaa Godina Gujii Bahaatti Dargaggoo Tokko Yoo Ajjeesu Godina Matakkalitti Immoo Daa’ima Waggaa Shanii Gudeeduun Himame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Jiraattotaafi Maddeen Keenya iddoodhaa akka himanitti Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa Ganda Diilalleessa Reebaatti Dargaggoo Nageessoo Xayyib yoo ajjeefamu Matakkalitti immoo Daa’imti Obboo Ababaaw kan umriin ishee waggaa shanii  ammatti maqaa ishee adda hin baafanne waraana mootummaan gudeedamuu himan.

Maddeen naannoo sanaa  akka himanitti Dargaggoo Nageessoo Boruu jiraataa Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa Ganda Horsiisee Bulaa Diilalleessa Reebati. Dargaggoo Nageessoo Xayyib Boruu nama nagaatiifi siyaasa kamuu irraa bilisa kan jedhan maddeen abbaa daa’imman dubaraa lama ta’uu himan.

Dargaggoo Nageessoon Humna Mootummaa Kan Maqaa Sakatta’iinsa WBO jedhuun bobbaafameen Waxabajjii 15 manuma isaatii gadi baasanii akka ajjeesanis eeramee jira.

Godina kana Aanaa Gooroo Doolaa kanatti dhiyeenyas dargaggoonni lama kan umrii ganna 18tii gadiifi Abbaa maatii ijoollee afurii waraanuma mootummaan ajjeefamuu jiraattoota wabeeffachuun  gabaasuun keenya yaadatama..

Gara Naannoo Beenishangul Gumuuzitti immoo yakki gudeeddii daa’ima waggaa shanii waraana mootummaatiin raawwachus jiraattootni Oromia11tti himanii jiru.

Akka maddi keenya Abbaa Daa’ima tanaa Obboo Ababaaw irraa qulqulleefadhe jedhee nuuf himetti taateen kun buqqaatota Godina Matakkal Aanaa Bullan Magalaa Bullan keessatti.

Jiraattootni gandoota aanichaa hedduun buqqifamuun magaalaatti galfamanii waan jiraniif maatiin daa’ima tanaa iddoon isaan buufatan ykn qubatanii jiran mooraa waraanatti dhiyaata jedha.

Obboo Ababaaw abbaan daa’imaa xiqqoo gudeedamtee jiraataa Godinaa Matakkal Aanaa Bullan Ganda Cilaaanqoo akka ta’eefii buqqifamee magalaatti akka gale hima. Aanjaa kanatti dhimma bahuun daa’ima xiqqoo tana humnootni waraanaa kunniin gowwoomsuun sossobanii Mooraatti geessuun gudeeduu hime.

Miidhaan kun kan barame daa’imti xiqqoon kun iyyaa waywaataa dhiigni irra lola’aa yemmuu gara qe’eetti deebitu Hospital Bullan geessuu qoratamtee mirkanaa’uu hima. Kana qofa osoo hin ta’in Hospitalli Bullan miidhaan dhaqqabe humna isaanii ol taanaan gara Hospital Paawwiitti geeffamtee achitti yaalamaa jiraachuu himan.

Gochi gudeeddii daa’ima xiqqoo kana irratti raawwateef hanga ammaatti qaamni seeratti dhiyaateefii gaafatame akka hin jirre himan. Taateen kun dheengadda guyyaa Dillbata darbe kan raawwate yemmuu ta’u akkuma waliigalaatti walitti bu’iinsi adda addaa Godicha keessatti baay’ateen halli nageeyyaa yaaddesaa ta’aa dhufee jiraachuu jiraatan nuuti odeeffane himee jira.

Eerga Mootummaan Naannoo Amaaraa Tarkaanfii nageenyaa fudha jedhee as Humni Faannoo garasitti cimee dabalaa dhufee jiraachuu kan hime jiraataan kun Humnoota Federaalaafi Naannoo wajjiin walta’uun hawaasa hiraarsaa, buqqisaa, qabeenya namaa gubaafi samaa jiraachuu hime.

Itti Dabaluunis Mootummaan calliseetuma maqaa araaraa faarsa malee guyyaa kaleessas dhalattoota naannichaa fi hawaasa Gumuuz Ganda Bonash jedhamutti manneen 40 ol gubachuu, saawwan Samamuu garaa Waajira poolisaatti guuuruun qalanii nyaachaa jiraachuu kaasuun ummatni rakkoo beelaatiifis saaxilamuu eera.

Irra caalatti namootni Baaddiyaa irraa buqqisanii gara Magaalatti Waan galchaniiif Nageenni waan bu’e fakkaata garuu magalaa irraa gara baaddiyaatti ba’anii waan nyaataa fidachuun hin danda’amu jedhan.

Keessattuu amma guyyaa lamaa asitti humnootni mootummaafi hidhattootni Ummata Gumuuz iddoo heddutti wali lolaa waan jiraniif Aanaalee kanneen akka  Aanaa Maanduraa , Dibaaxii, Daangur hundatti miidhaan cimaan qaqqabee jiraachuu hima.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu