Horiin qaban hongee mudateen jalaa dhumuudhaan gargaasa malee haala hammaataa keessa jiraachuu kan himatan jiraattootni Oromia11 dubbise Bulchitootni Aanaa Liiban Guyyaa 16/10/2014ALI’tti hundumti keessan iddoo kanaa yoo hin godaanne qaama nageenyaatiin dhufnee isin duguugna nuun jedhan jedhu.
Bara Kana Kibba Oromiyaafi Kibba Baha Oromiyaa keessattuu Godinaalee akka Booranaa, Gujii lamaan, Baalee Bahaa keessatti uummatni hongee hamaa keessa akka ture niyaadatama. Uummatni rakkoo hongeefi nageeenyaan walqabatee lubbuu ofii baraaruuf jecha gandoota baadiyaa hedduu irraa gara dhiheenya magaalatti baqataa ture.
Kanuma irraa kan ka’e Uummatni horsiisee bultoota Godina Gujii Aanaa Liiban,Gumii Eeddalloofi Gooroo Doolaa gandoota baadiyyaa hedduu irraa gara gandeen Magalaaa jala jiraan kanneen akka Aanaa Liiban ganda Qarsaa malleetti qubatee ture.
Gandeen Jaha Adaadii Bokkoolaa, Moollicha, Algee, Kalaadaa, Haardotifii Dhakaa Qalla irraa buqqa’uun Qarsaa Malleetti iddoo lamatti hiramuun qubatanii jiraachuu himama. Akka jiraataan Oromia11 buqqaatota keessaa odeeffate jedhutti baay’inni Uummata Iddoo jedhame lamaan kana qubatanii turanii 7000 oliidha.
Waaroo Iddoo Lamatti hirame jalatti Walitti qabamuun kadhatanii hojii humnaafaa Magaalaa deemuun hojjachaa lubbuu ofii jiraachifataa akka jiran kan himu namni kun haala hammaataa kana keessa osoo jiranii amma dirqamaan Waaroon isaanii jalaa diigamaa jiraachuu himata.
Hanga ammaatti Waaroon ykn Godoon isaan jalatti boqatan 3530 humnoota mootummaatiin jalaa diigamuu kan himatan buqqaatootni kunniin gargaasi godhameef akka hin jirreefii osoo haala tokkollee hin mijeessiniif karaarraa ka’aa ykn qaama nageenyaatiin duguugnee gara iddoo dhuftanitti isin deebisnaa nuun jedhan jedhu.
Kana Malees ammas uummatni kun rakkoodhuma hammaataa keessa jiraachuu himuun qaamootni gargaarsaaf tattaaffatanis qaamoota mootummaatiin danqamanii hawaasa gargaaraa hin jiran jedhan.
Jiraataan nuuti dubbisne kun itti dabaluun Bulchaan Ganda Qarsaa Mallee Obboo Duuba Heebanuu uummata gandoota biraa irraa buqqa’anii asi jiran buqqisii Onatti deebisi Ittiin jennaan Uummata rakkatee asitti baqate akkamitti buqqisee gara rakkoo isaan irraa baqatanitti deebisa waan jedheefi Waajjira Poolisii Aanaa Liibaniitti Hidhamee jiraachu hima.
Dhimma Uummata Sababa Hongeetiin buqqa’e osoo haalli mijataan hin jiraatin dirqamaan iddoo irraa buqqa’anitti deebisuuf dirquu kana qulqulleeffachuufi yaada qaama mootummaa dhagahuuf Hoogganaa Ittisa Balaafi Kaafamtoota Naannoo Oromiyaa Obboo Garramoofi Hooggantoota Godina Gujjii Bahaa argachuuf yaalii taasiseen Oromia11 hin milkoofne.