Naannoo Tigraayiitti Sanyii fi xaa’oon yeroodhaan qonnaan bulaaf yoo hin geenye waqtiin darbuu mala sodaan jedhu akka jiru ibsame. Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii ibsa kaleessaa baaseen, haalli kun naannoo waraanaan miidhame Tigraay keessatti hanqina nyaataa hammeessuu akka danda’u ibseera.
Yeroo ganna dhufutti roobni ni fooyya’a jedhamee eegama, kunis dhiyeessii nyaataa naannichaa hir’achaa jiru fooyyessuuf carraa barbaachisaa ta’uun ibsameera. Akka Dhaabbanni Nyaata fi Qonna Addunyaa jedhutti qonnaan bultoonni Tigiraay harki caalaan yeroo ammaa kanaaf qophaa’aa kan jiran yoo ta’u, hanqinni galtee qonnaa garuu yaaddoo ta’uu kaaseera..
Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna Addunyaa fi michoonni isaa akkuma mootummaan Itoophiyaa dhiyeesseen xaa’oo bitachuuf doolaara miiliyoona 96 barbaachisa jedhu.
Ji’oota muraasa darban keessa Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna, fi michoonni isaa fedhii xaa’oo dhibbeentaa 10 guutuuf doolaara miiliyoona 11 walitti qabuun, galtee hafe uwwisuuf garuu doolaara miiliyoona 85 barbaachisa jedhan.
Dhaabbileen kunneen xaa’oo toonii kuma 60 fi sanyii toonii kuma 4 biyyattii keessatti oomishame keessaa %4 karaa dhiyeessuu danda’an barbaadaa jiru. Dhaabbanni Nyaata fi Qonna Addunyaa yeroon murtaawa oomisha facaasuuf jiru ilaalcha keessa galchuun galteewwan hatattamaan dhiyeessuu akka qaban cimsee ibseera.